Itoophiyaan Pirezidaantii Itti Aantuu Mana Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (HRC) ta’uun filatamte.
Dabalataanis, miseensa Biiroo UN HRC ta’uun kan filatamte, walgahii manni marichaa har’a Siwiizarlaand, Jenevaatti taasiserratti akka ta’e Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa beeksiseera.
Itoophiyaan Itti Aantuu Pirezidaantiifi miseensa Biiroo ta’uun waggaa tokkoof Garee Afrikaa bakka bu’uun akka tajaajiltu ibsameera.
Biiroon Mana Maree Mirgoota Namummaa (HRC) Pirezidaantii tokkoofi Pirezidaantiiwwan Itti Aanaa 4’n gaggeeffama.
Hojii mana marichaa qajeelchuu, walgahiiwwan qopheessuufi mariin milkaa’aan biyyoota miseensaa jidduutti akka adeemsifamu taasisuun hojii isaati.
Bulchiinsa gaariifi si’ataa ta’e mirkaneessuunillee ajandaa isaa waggaa guutuu irratti fuulleffatudha.
Ministeerri Dhimma Alaa, mana Maree kana keessatti filatamuun Itoophiyaa hariiroon UN wajjin qabdu qajeelaa ta’uufi dhimmoota Mirgoota Namummaa idil addunyaa irratti waliin hojjachuuf murannoon qabaachuushee akka agarsiisu addeesseera.
Itoophiyaan miseensa mana marichaa yoo taatu gara fuulduraattis gareewwan naannawaa, biyyoota miseensaafi qaamolee dhimmi ilaalu hunda waliin dhimmoota kabaja Mirgoota Namummaa irratti qindoominaan hojjachuu akka itti fuftu ibsamuu odeeffannoon Ministeericha irraa arganne ni mul’isa.