Ayyaanni bara haaraa Walaayittaa Giifaataan hambaa addunyaa ta’uun UNESCO irratti galmaa’e

You are currently viewing Ayyaanni bara haaraa Walaayittaa Giifaataan hambaa addunyaa ta’uun UNESCO irratti galmaa’e

AMN PLUS- Mudde 1/2018

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbatni Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa “UNESCO” Ayyaana bara haaraa Walaayittaa Giifaataa hambaa Kiliyaa addunyaa taasisuun galmeesseera.

Yaa’ii 20ffaa Koree Hambaa Kiliyaa UNESCO Biyya Hindi Niwuu Deelhiitti adeemsifamaa jiru irratti Ayyaanni bara haaraa Walaayittaa Giifaataan hambaa kiliyaa addunyaa ta’uun galmaa’eera.

Ayyaanni kun umrii, saala, amantii fi sadarkaa hawaasaa osoo hin qoodin hunda hirmaachisuun kan kabajamu ta’uu isaan hambaa Kiliyaa addunyaa ta’uun galmaa’uu ibsameera.

Ministirri Ministeera Tuuzimii Aadde Salaamaawit kaasaa, Giifaataa dabalatee Itoophiyaan hambaalee kiliyaa kanneen biroos kunuunsuudhaaf murannoo qabdu ibsaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply