‎Imbaasiin Itoophiyaa Waashingitan D.C.tti argamu dorgommii agarsiisa Baazaarii idil addunyaa injifate

You are currently viewing ‎Imbaasiin Itoophiyaa Waashingitan D.C.tti argamu dorgommii agarsiisa Baazaarii idil addunyaa injifate

‎AMN PLUS- Mudde 3/2018

‎Imbaasiin Itoophiyaa Waashingitan D.C.tti argamu dorgommii agarsiisa Baazaarii idil addunyaa mata duree “12th Annual Winternational Embassy Showcase” jedhamuun Sadaas 30 bara 2018 qopheessummaa giddu gala gabaa Ameerikaatiin qophaa’e injifachuun isaa ibsame.

‎Dorgommii agarsiisa baazaarii imbaasiiwwan biyyoota garaa garaa 70 Waashingitan D.C.tti argaman hirmaachise irratti Imbaasiin Itoophiyaa 1ffaa bahuun waancaa fudhateera.

‎Sagantaa kana irratti sirna buna danfisuu, nyaata aadaafi dhugaatii Itoophiyaa akkasumas agarsiisni shubbisa aadaa Itoophiyaa dhiyaateera.

‎Dabalataanis hambaaleen Itoophiyaa UNESCO irratti galmaa’an kanneen akka siidaa Aksum, mana amantaa Laalibalaa, Masgiida Al-Najaash, ijaarsa durii Magaalaa Harar, gaarreen kaabaafi Baalee dabalatee qabeenyi tuurizimii Itoophiyaa agarsiisa kana irratti dhiyaataniiru.

‎Imbaasiin Itoophiyaas imbaasiwwan 70 keessaa ‘’The Best Embassy of the Year’’ jedhamuun waancaa qophaa’e fudhateera.

‎Agarsiisa Baazaarii kanarratti namootni kuma 8 ol kan hirmaatan yoo ta’u lammiileen Ameerikaafi jiraattootni Waashingitan buna Itoophiyaa sagantichaarratti danfisame dhamdhamaniiru.

‎ Hirmaattoota sagantaa keessaa muraasni Itoophiyaa daawwachuuf fedhii akka qaban odeeffannoon Ministeera Dhimmaa Alaa irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply