Finfinneen daldala ‘Online’n gaggeeffamu gara sirna Gibiraatti galchuufi

You are currently viewing Finfinneen daldala ‘Online’n gaggeeffamu gara sirna Gibiraatti galchuufi

‎AMN PLUS – Mudde 7/2018

‎Biiroon Galiiwwanii Magaalaa Finfinnee bittaaf gurgurtaa onlaayiniin gaggeeffamu gara sirna gibiraatti galchuuf xiyyeeffannaan hojjechaa akka jiru hime.

Daayirektarri Kominikeeshinii Biiroo Galiiwwanii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Sawunnat Ayyalaa AMN Dijitaaliif akka himanitti galii magaalaan maddisiistu haqaan sassaabuun dirgama fi ittigaafatamummaa biirichaaati jedhan.

‎Biirichi sirna sassaabbii gibiraa haqa qabeessaa kana lafa qabsiisuuf qaamota sirna gibiraa keessa hin seenin adda baasuun akka gara sirna gibiraa galan taasisuuf hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

‎Bittaafi gurgurtaa onlaayinii wajjin walqabatee Magaalaan Finfinnee gara toora interneetatiin ykn gama “dijiitaal markeetingitiin” sochiin baay’een taasifamaa akka jirus ibsaniiru.

Hojii kana milkeessuuf caaseffamni haaraan diriiruu himuun “Qaamoleen daldala Onlaayiniirratti bobba’an akkuma daldalaa suuqiin hojjetuutti gibira kaffalu” jedhaniiru.

Eeyyama Daldalaa fudhatanii TIN baasuun dabalata, gurgurtaa raawwatan kamiifuu nagahee kutuun dirqama akka ta’u obbo Sawunnat himaniiru.

‎Haaluma kanaan filannoo miidiyaalee dijiitaalaa adda addaa fayyadamuun sirna bittaaf gurgurtaa onlaayinii gara sirna gibiraatti galchuuf hojjetamaa akka jirus hubachiisaniiru.

Hojimaatni kun madaala daldalaa sirnaan kan eegu ta’uu himuun, dhiyeenyattis gara hojiitti akka galu himaniiru.

Shuumii Badhaasootu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply