Waancaan Afriikaa turtii waggaa lamaan qophaa’aa ture, bara 2028 irraa eegalee turtii waggaa afuriin akka qophaa’u Pirezidaantiin CAF Paatriis Mutseepee himan.
Koreen Hoji Raawwachiistuu CAF, Waancaa Afriikaa Morookootti eegaluuf jedhu dursee Walga’ii idileesaa taa’eera.
Waancaan Afriikaa bara 1968 (ALA) irraa kaasee waggaa lamaan qophaa’aa kan ture yoo ta’u, kan bara 2027tti qophaa’u booda gara waggaa Afuriitti akka jijjiiramu eerame.
Kana dura Gareen Waancaa Afriikaa injifate paawondii miiliyoona 5.2 kan argatu yoo ta’u karoora haaraa kanaan badhaasichi gara paawondii miiliyoona 7.5 guddifama jedhan.