AMN PLUS- Bitootessa 23/2018
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad Bitootessa 24 Bara 2010’tti Mootumma fi jijjiiramaa isaanii waliin yeroo aangootti dhufan, sanyiin teeknooloojii dijitaalaa facaafamee, aramamee, jala qotamee, kunuunfamee ija godhachuun milkaa’inni isaa sassaabamuu eegaleera.
Dooktar Abiyyi wayita waadaa seenan cehumsa Itoophiyaatti fiduuf waadaa seenan keessaa inni ijoo teekinooloojii dijitaalaati. Bu’uuruma waadaa seenaniin teeknoloojiin dijitaalaa tarsiimoon qophaa’ee kallattii dhaloota egereefi mul’ata biyyaa akka ta’u taasifameera.
Carraa jabanummaafi guddummaa Itoophiyaa irra deebiin bifa caaluun mul’isuuf galma qabachuun tarsiimoon Dijitaal Itoophiyaa 2025 qophaa’e bu’aawwan qabatamoo kan agarsiise ture. Kanaanis qaamoleen hawaasaa biyyattii garaagaraa bifa salphaa ta’een tajaajila si’ataa, dhaqqabaa ta’ee, loogiifi hojmaata badaa irraa bilisa ta’e akka argatan haala mijeessaa jira.
Tarsiimoo Dijtaal Itoophiyaa 2025 milkeessuuf innisheetiiviiwwan qabaman keessaa inni tokko Inistitiyuutii Artifishaal Intelijensii (AI) Itoophiyaa hundeessuudhaan riifoormii gamdaneessaa biyyattii galmaan ga’uun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuudha.
Haaluma kanaan, Inistitiyuutiin kun Bara 2013tti hundaa’uun Itoophiyaan warraaqsa Addunyaan gama hubannoo namtolchee (AI)’n taasistutti akka makamtu haala mijeesseera.

Bitootessa 24 booda, Itoophiyaan sirna odeeffannoo biyyaalessaa gabbisuun, pilaatifoormiiwwan dijitaalaa sirna mootummaa deggeran kalaquufi fooyyesuuun, furmaata teekinooloojii biyyuma keessatti kalaqamaniin innooveeshinii jajjabeessuun sharafni alaa sababaa kanatti soolaara miliyooonotaan lakkaa’aman biyya keessatti akka hafu taasisuun hojiilee misoomaa kanneen biroof akka oolu taasisuun danda’ameera.
Milkaa’inuma Bitootessa 24’n argame kanaan Itoophiyaatti lammiileen hundumtuu fayyadamtoota hubannoo nam-tolchee akka ta’an akkasumas Itoophiyaan birmadummaa dijitaalaa ishee akka milkeessituuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjatamaa jiraachuu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) irra deddeebiin mirkaneessaa turaniiru.
Yaadama Ida’amuu irraa burqee, adeemsaan hojiitti kan hiikame inistitiyuutichis diinagdee dijitaalaa Itoophiyaa haalaan deggeruun sagantaa kana daran babal’isuun Itoophiyaan egeree gama teekinooloojiin egereeAfrikaa dursuuf ejjennoo cimaa ta’e qabattee hojjataa jirti.
Biyyattiin teekinooloojiin dursuuf sagantaa Dijitaal Itoophiyaa 2025’n eegalameeen bu’aawwan qabatamoo argaman qabachuun Tarsiimoo Dijitaal Itoophiyaa 2030’tti ceesisuun guddina diinagdee hundumaa fayyadamaa taasisu, innooveeshiniin badhaadheefi bulchiinsa jabanaa calaqqisiisuun waaressuuf hojiin eegalte kun bu’aa Baatii Bitootessaan argame keessaa isa olaanaadha.
Milkaa’inoota Baatii Bitootessaan argaman keessaa inni biraan mirkaneessa eenyummaa nama tokkoo kan faayidaawwan garaagaraa argamsiisu Waraqaa Eenyummeessaa Biyyaalessaa Faayidaa (Fayda National Digital ID) ti.

Faayidaan utubaawwan riifoormii man-dhaleefi ajandaa cehumsa dijaataalaa biyyaalessaa keessaa tokko yoo ta’u yeroo ammaa lammiileen Miliyoona 37 ol ta’an fayyadamtoota sagantaa kanaa ta’aniiru.
Haga Bara Faranjootaa 2027’tti ammo lammiileen Miliyoona 90 ol ta’an fayyadamtoota sagantaa kanaa ta’uun tajaajiloota garaagaraa bifa salphaa ta’een yeroo gabaabaafi haala si’ataa ta’een bakka tokkotti argachuu danda’u.
Qaama Cehumsa Diinagdee Dijitaalaa inni ijoo biraan Giddu Gala Tajaajila Mootummaa Dijitaalaa Bakka Tokkoo yoo ta’u, kunis milkaa’inoota gama teekinooloojii dijitaalaan Bitootessa 24 Bara 2010 booda argaman keessaati.
Akka magaalaa Finfinneetti Tajaajilli Giddu Bakka Tokkoo A-Masoob hojiitti seenuun jiraattota fayyadamoo erga taasisuu eegalee as lammiileen Kuma 120 caalan baasiifi yeroo isaanii qusatanii Biirolee Magaalichaa 13 irraa tajaajiloota 130 ol bakka tokkotti argachuun, waa’ee dhaqqabummaafi saffisa tajaajilichaa dhugaa ba’aa jiru. Kana malees, hojmaata mootummaa fooyyessuun malaammaltummaafi hojmaata badaa akkasumas deddeebii tmaammilaa hanqisuun isaa dhugaa ba’amaafii jira.
Tajaajilli Giddu Gala Bakka Tokkoo dijitaalawaa ta’e kun gara naannolee garaa garaattis babal’achuun lammiileen itti quufiinsi tajaajiloota murteessoof qaban akka dabalu gumaachuu kan ibsame yoo ta’u kunis bu’aawwan gama teekinooloojii dijitaalaan Baatii Bitootessaa booda argame ta’uun hojii ajaa’ibsiisaa hojjatame ta’uun eerama.

Itoophiyaatti tajaajilootni mootummmaafi uummataa garaagaraa waraqaa irraa bilisa ta’uun akka kennaman taasisuun cehumsi bulchiinsa elektirooniksii babala’chaa kan jiru Baatii Bitootessaa Bara 2010 as ta’uun ni hubatama.
Haalli qabiinsa ragaaleefi odeeffannoos gara sirna odeeffannoo wiirtuu tokkootti ol guddachuun lammiileen yaaddoo ragaan dhabamuufi manca’uu keessaa ba’uun tajaajila si’aa’inaafi qulqullina qabu akkasumas teekinooloojii dijitaalaan deggerame argachuun baasii, humnaafi yeroo isaanii akka qusatan taasisaa jira.
Kana irraa kan ka’es Mootummaafi uummata jidduutti wal amantaan akka jiraatu riqicha ta’uun walquunnamsiisuu irra darbee maloota teeknoloojii dijitaalaa babal’atan fayyadamuun komiin wayita jiraatutti illee ariitiin furuun madda gammachuu jiraattotaa ta’aa jira.
Itoophiyaan filmaatilee teeknoloojii dijitaalaa garaagaraa fayyadamuun Tarsiimoo Dijitaal Itoophiyaa 2030 eegalame milkeessuuf hojiin eegalte, hubannoo nam-tolchee (AI)’n deggeramuun hawaasa gama dijitaalaan walitti dhufuun galma guddina diinagdee qabame milkeessuuf hojii gama maraan eegalte cimsitee itti fufuuf, waadaa Bitootessa 24 Bara 2010 galame milkeessuuf mul’ata teeknoloojii dijitaalaa facaafamee, kunuunfamee milkaa’inni isaa itti sassaabamaa jiruun daran onnattee imala itti fufteetti.
Malkaamuu Abbabaatiin