Gaggeessitootaafi ogeessota rakkoo naamusaa qaban 179 irratti tarkaanfii fudhadheera- Biiroo Galiiwwanii Finfinnee

You are currently viewing Gaggeessitootaafi ogeessota rakkoo naamusaa qaban 179 irratti tarkaanfii fudhadheera- Biiroo Galiiwwanii Finfinnee

‎AMN PLUS- Mudde 13/2018

‎Biiroon Galiiwwanii Magaalaa Finfinnee baatiiwwan shanan darbanitti gaggeessitootaafi ogeessota rakkoo naamusaa qaban 179 irratti tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhachuu beeksise.

‎Hojjattoota tarkaanfiin irratti fudhatame keessaa 20 gaggeessitoota tahuu ibseera.

Iftoomina uumuuf teekinooloojii kaameraan deggerame hojiirra oolchuu eeruun kaffalaan gibiraa miira tajaajilummaa akka gonfatuuf leenjiiwwan ilaalchaafi dandeettii kennamaa jiraachuu ibsaniiru.

Daayirektarri Komunikeeshinii Biirichaa Obbo Sawunnat Ayyala AMN Dijitaal waliin turtii taasisaniin, hojimaata badaa ittisuufi kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuuf tarkaanfii kana fudhachuu himan.

‎Hojiilee caaseffama teekinooloojii fi misooma humna namaa hedduu hojjachuu ibsaniiru.

‎Hojimaatilee, hojimaata badaaf karaa banuu malan akkasumas murtoof rakkisoo ta’an furuuf hojimaata haaraa 24 diriirsuun hojiitti seenuu dubbataniiru.

‎Wixinee Diinagdee Dijitaalaa milkeessuufi haala sassaabbii gibiraa ammayyeessuuf, gahumsa keessoofi alaan teekinooloojiiwwan haaraa misoomsuu beeksisaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply