Tiitookarri ergaawwan aadaafi safuu ummataan ala ta’e tamsaasaa ture to’atame

You are currently viewing Tiitookarri ergaawwan aadaafi safuu ummataan ala ta’e tamsaasaa ture to’atame

AMN PLUS – Mudde 15/2018

Miidiyaalee hawaasaa Tiiktookiifi Yuutiyuubiidhaan ergaawwan aadaafi safuu ummataan ala ta’e tamsaasaa kan ture Naatinaa’eel Baaddeg Gabree to’annoo seeraa jala oolfamuu Qajeelchi Poolisii Finfinnee beeksise.

Maqaa tiiktookii ‘Mon’ jedhuun kan beekamu namni dhuunfaa kun ergaa tuffii koorniyaaf qabu agarsiisuu fi saal-quunnamtii kallattiin jajjabeessu tamsaasuu isaan Kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftootti to’atamuun qorannoon eegalamuu Poolisiin ibseera.

Qajeelchi Poolisii Finfinnee ibsa AMN Dijitaaliif ergeen, haala ittigaafatamaan itti hin dhagahamneen qaamolee qabiyyee aadaafi safuu hawaasaa cabsan tamsaasuun guddattoota gufachiisan hordofuun tarkaanfii seeraa akka fudhatu addeesseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply