Finfinneen barattoota egeree biyyaa ta’an sooruun maaddii barnootaarraa akka hin gufanne hojiin eegalte bu’aa qabatamaa argamsiisaa jira

You are currently viewing Finfinneen barattoota egeree biyyaa ta’an sooruun maaddii barnootaarraa akka hin gufanne hojiin eegalte bu’aa qabatamaa argamsiisaa jira

AMN PLUS – Mudde 23/2018

Finfinneen mul’ata egeree biyyaa ijaaruu qabattren barattoota Kuma 900f Kuma 40f 329 sooraa jiraachuu Waajjirri Kantiibaa Magaalaa Finfinnee ibse.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee dhaloota egeree biyyaa ta’an sababa hanqina nyaataafi hidhannoo barnootaan maaddii barnootaarraa akka hin hafne xiyyeeffannoo guddaan hojjechaa jiraachuu ibseera.

Bu’aan Sagantaa Soorata Barattootaan argaman maal fa’i?

• Hirmaannaa barattootni maaddii barnootaarratti qaban dabaluun harcaatii barattootaa haalaan fureera.

• Cimina qaamaa, sammuufi xiinsammuu barattootaa ijaaraa jira.

• Maatiin waa’ee ciree, laaqanaafi meeshaalee barnootaa ijoollee isaanii dhiphachuun hafee dhiibbaan diinagdeesaanii furameeraafi.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Ejensii Soorataa hundeessuun deeggarsi kun itti fufiinsaan karaa haqa qabeessaan barattoota hunda bira akka gahu mirkaneessaa jiraachuus ibsameera.

Hojiin kun qulqullinaafi haqa qabeessummaa barnootaa mirkaneessuuf tarkaanfii fudhatame ta’uus eereera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply