AMN PLUS-Mudde 22/2018
Itoophiyaan haala ulaa galaanaa itti dhabde beekamuu baatuus waggaa 30 dura ulaa galaanaa qabduufi daldalli guddaan buufata galaanaan kan adeemsifamu tahuu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Miseensa Koree Dhaabbii fi Dhimma Nageenyaa fi Hariiroo Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsaniiru.
Ambaasaddar Diinaa Muftiin turtii AMN PLUS Qophii Addaa irratti taasisaniin akka ibsanitti Itoophiyaan ulaa galaanaa haala hin beekamneefi karaa sirrii hintaane akkasumas marii tokko malee akka dhabde dubbataniiru.
Ulaa galaanaa dhabuu qofa mitii waggoota 30 dabran kanatti waa’een ulaa galaanaa akka hin dubbatamne jechuunis gaaffiin isaa gonkumaa akka hin kaane haalli itti taasifame kan nama ajaa’ibu ta’uu Ambaasaaddar Diinaan kaasaniiru.

Sirni yeroo sana Itoophiyaa bulchaa ture osoo uummata hin mariisisin ulaa galaanaa dabarsee kennuun waan nama dhibu kan jedhan Ambaasaaddar Diinaa Muftiin, yeroo sanitti warri siyaasa Itoophiyaa gaggeessuufi warri amma ulaan galaanaa kennameef waliigaltee akka qaban kaasaniiru.
Murtoon yeroo saniis fedhii Itoophiyaa fi baay’ina uummataa biyyatti giddu galeessa godhatee kan hin ilaalmneefi fedhii gartuu tokko qofa irratti kan xiyyeeffatee ta’uu himaniiru.
”Akka Miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Itoophiyaan kallattii hundaan akka cimtu taasisuuf hirmaanna guddaa taasisaa jirra” jedhaniiru Ambaasaaddar Diinaan.
Dabalatanis, Gaaffii Ulaa Galaanaa Itoophiyaa Waggaa 30 caaluuf awwaalame kanaaf deebii akka argattuuf uummatni biyya keessaas ta’e hawaasni idil addunyaa hubannoo akka qabaataniif irratti akka hojjetan himaniiru.

Itoophiyaanis ulaa galaanaa argachuu kan qabduu karaa nagaatiin akka ta’ee hunduu beekuu akka qabanis kaasaniiru.
Gaaffii ulaa galaanaa kanas milkeessuuf karaan sirriin karaa dippilomaasii akka ta’e kan ibsan Ambaasaaddar Diinaa Muftiin, “hariiroo biyyoota ollaafi alaa wajjin qabnu cimsuun karaa walta’iinsaan fedhii Itoophiyaan karra galaanaaf qabdu dhugoomsuun ni danda’ama” jechuun ibsaniiru.
Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf sababaan barbaadduuf tokkummaa biyyoota Gaanfa Afrikaa cimsuuf akka ta’es ibsaniiru.
Kunis ammoo walitti dhufeenya biyyoota Gaanfa Afrikaa ol kaasuuf akkasumas daldala diinagdee biyyoota kanneen gidduutti cimsuuf akka ta’es dubbataniiru.
Shuumii Badhaasootiin qindaa’e