‎MM Abiyyi Ahimad (PhD) boru Paarlaamaatti dhiyaachuun raawwii Baatii jahaa irratti mari’atu

You are currently viewing ‎MM Abiyyi Ahimad (PhD) boru Paarlaamaatti dhiyaachuun raawwii Baatii jahaa irratti mari’atu

‎AMN PLUS- Amajjii 25/2018

‎Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD), Kibxata borii, Amajjii 26, bara 2018 gabaasa raawwii hojii mootummaa kan ji’oota jahaa Mana Marii Bakka Bu’oota Uummataatiif akka dhiheessan Manni Marichaa beeksiseera.

‎Walga’ii idilee 13ffaa Bara hojii 5ffaa Mana Marichaa irratti kan dhihaatu gabaasni kun, raawwii hojiiwwan gurguddoo misoomaa fi siyaasaa bara baajataa kana walakkaa waggaa keessatti karoorfaman irratti akka xiyyeeffatu ibsameera.

‎Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi gaaffiilee fi yaada miseensonni mana marichaa kaasaniif ibsaa fi deebii ni kennu jedhamee eeggama.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply