Addis Miidiyaa Neetwork Ayyaana Dhaloota Iyyesuus sababeeffachuun, lammiilee sadarkaa jireenyaa gadi aanaa irra jiran fi yeroo dheeraa deeggarsi taasifamaafii turaniif sagantaa maaddii qooduu gaggeesseera.

Sagantaa kana irratti kan hirmaatan Itti Aanaa Hoji raawaachiisaa Olaanaa AMN fi Hoggantuu Damee Raadiyoo, Aadde Zahaaraa Sayid dhaabbatichi daa’imman 20 dhaabbiidhaan deeggaruun guddisaa jiraachuu ibsan.
Ayyaanicha sababeeffachuun kennaa uffataa fi deeggarsa maallaqaa kennuu ibsan.
Deeggarsi kun mindaa hojjettoota dhaabbatichaa irraa ji’a ji’aan dhibbeentaa tokko (1%) muramee walitti qabamuun kan raawwatamu yoo ta’u, kunis dhaabbatichi itti gaafatamummaa hawaasummaa lammiilee irratti qabu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

Fayyadamtoonni deeggarsa kanaa argatan gamasaaniin, akka lammiilee biroo hundaatti Ayyaana gammachuun akka kabajatan deeggarsa dhaabbatichi isaanif taasiseef galata qaban ibsaniiru.
Yeroo ammaa hawaasa keessatti aadaan wal gargaaruu fi maaddii qooddachuu babal’achaa dhufuun, tokkummaa fi walitti dhufeenya lammiilee caalaatti cimsaa jiraachuun ibsameera.
Addis Miidiyaa Neetwork Sagalee Dhalootaa ta’uun odeeffannoo waqtaawaa dhaggeeffattootaa fi daawwattootaaf dabarsuu qofaan osoo hin daangeffamin, deeggarsa gara garaa lammiileef taasisaa itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa sirnaan bahaa jiraachuun fakkeenya gaarii ta’ee itti fufeera.
Daraartuu Tarreessaatiin