Gamtaan Waldaalee Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itoophiyaa Ayyaana Yaadannoo Dhaloota Iyyesuus sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarseera.
Barreessaa Olaanaan Gamtichaa Lubni Darajjee Jambaruu Ayyaanicha ilaalchisee ibsa kennaniin, Ayyaanni Qillee bara kanaa kan gammachuufi jaalalaa akka ta’u hawwaniiru.
Dhalachuun Yesuus Kiristoos dhiifama gochuu Waaqayyoofi jaalala guddaa dhala namaaf qabu kan agarsiisu ta’uus kaasaniiru.
Kanaaf amantoonni wangeelaa jaalala Yesuus Kiristoosiin isaanitti kenname kanneen birootti agarsiisuu akka qaban hubachiisaniiru.
Garaagarummaa araaraan hiikuun nageenya waaraaf haa hojjennu jedhanii, keessumaa amantoonni wangeelaa nageenyaafi jaalala labsuun ala ergama hafuuraa biraa kan hin qabne ta’uu dubbataniiru.
Rakkoolee mul’atan karaa nagaan furuun faayidaa waloof hojjechuun yoo danda’ame yeroo gabaabaa keessatti hiyyummaa keessaa bahuun akka danda’amu eeraniiru.
Wayita Ayyaana Yaadannoo dhalachuu Yesuus Kiristoos kabajnu lammiilee hin qabneef qooduun ta’uu qaba jechuun hubachiisaniiru.