Hangafni Phaaphaasii Mana Amantaa Kiristaanaa Kaatoolikii Eebbifamoo Kaardinaal Abunee Birhaana Iyyesuus ayyaana qillee sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Dhalachuun Iyyesuus Kiristoos bu’uura gammachuu hundaati kan jedhan, Gooftaan dhalchuu fi gidduu keenyatti argamuu isaati gammachuu nama namaa ta’e jedhan ergaa isaaniin.
Wayita ayyaana dhalachuu Kiristoos kabajnu lammiilee sababoota adda addaan rakkoon isaan mudate, harka qalleeyyii fi dhibamanii yaalarra jiran, daandirra jiraatan yaadachuunii fi waliif qooduun ta’uu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Zallaqaa Oljirraatu gabaase