Paatiriyaarikiin Mana Amantaa Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Eebbifamoo Abunee Maatiyaas ayyaana qillee sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Guyyaan dhaloota Gooftaa fi fayyisaan addunyaa Iyyesuus Kiristoos guyyaa jaalallii fi nageenyi dhalaa namaaf itti labsameedha jedhan ergaa isaaniin.
Hordoftoonni amantichaa guutuu biyyattiitti argaman Itiyoophiyaaf kadhachaa, akkasumas namoota sababa garaagaraan rakkoof saaxilamaniif maaddii qooduun akka kabajan gaafataniiru.
Kabaja waaqayyoof jennee tokkummaa biyyaaf, nageenya ummataaf onneen haa hojjennu jechuun dhaamaniiru.