Addis Miidiyaa Neetwoork sadarkaa jijjiirama magaalaa Finfinnee faana tarkaanfachaa jiraachuu Hoji Raawwachiisaan Olaanaa AMN Obbo Kaasaahun Gonfaa himan.
Dorgommiin Moo’aa Moo’attootaa ‘Addis Talent Show’ Sikket Award, Yaadannoo Injifannoo Adawaatti gaggeeffamaa jira.
Magaalaa Finfinnee Wiirtuu Turizimiifi Aartii Afriikaa taasisuuf hojii eegalame keessatti AMN shoora isaa bahachaa jiraachuus Obbo Kaasaahun Gonfaa ibsaniiru.

AMN miidiyaa dargaggootaaf carraa banu akka ta’uuf Kallattii Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen kennanniin, qophiilee bashannanaa barsiisan hedduu eegalamuu eeran.
Dorgommiin dandeettii dargaggootaaf carraa ta’e jalqabbiidha malee xumura miti kan jedhan Obbo Kaasaahun, dhiyeenyattis qophileefi diraamaawwan walitti fufan hedduun akka eegalama beeraniiru.
Obbo Kaasahun dorgomtoota Waggaa Tokkoo Oliif Addis Talent Show irratti dameelee Sagalee, Taatummaafi Sarkasiin 1ffaa ba’uun moo’aa moo’attootaaf har’a morkataniif carraa gaarii hawwaniiru.
Tagany Bafiqaaduutu gabaase