Dargaggoo Saffisaa, Finfinnee Saffisaan Guddataa Jirtu Keessatti

You are currently viewing Dargaggoo Saffisaa, Finfinnee Saffisaan Guddataa Jirtu Keessatti

AMN PLUS – Amajjii 6/2018

Addunyaarratti Tooftaa Diiploomaasii jiran hedduu keessaa “Soft Diplomacy” isa tokko. Hariiroo damee ispoortii, miidiyaa hawaasaafi aartiin addunyaa waliin taasifamu bakka argachaa dhufeera. Namoota dameewwan kanneeniin beekamtii argatan, waa’ee hawaasa tokkoofi waa’ee biyyaa aadaa, duudhaa, seenaa, guddummaafi miidhaginashee addunyaaf beeksisuufi hubachiisuuf, filmaata ijoo ta’eera.

IShowSpeed, dargaggeessi saffisaa miidiyaa hawaasummaa addunyaa irratti beekamaa ta’e, kaleessa Finfinneetti argamuun daawwannaa isaa Afrikaa itti fufeera. Magaalaa guddittii, miidhagduu fi saffisaan guddachaa jirtu kana keessa sochii saffisaa, bashannanaa fi dinqisiisaa hedduun guutamee mul’ateera.

Daawwannaa isaan Gamoo Dheerinaan Baha Afrikaarraa 1ffaa, kan Baankii Daldala Itoophiyaa ta’e daawwatee, guddina fi ijaarsa ammayyaa magaalattii ajaa’ibsiifateera.
Dheerina gamoo kanaa ilaaluun, “Finfinneen magaalota addunyaa gurguddoo keessaa ishee tokkodha” jechuun jaalala isaa ifatti ibseera.

Speed buna Itoophiyaa dhuguun, dhamdhama bunaa addunyaa irratti beekamaa fi akka isa jalqabaa ta’e seenaan ibsamu kanaan akkaan gammadeera.

Aadaa bunaa Itoophiyaa fi dhugaa bunaa kana dinqisiifachuun, “kun seenaadha, kun eenyummaadha” jedhee ibse.

Yaadannoo Injifannoo Adawaatti, dhiichisa shawaa irratti hirmaateera, Seenaa gootummaa Itoophiyaa akkaan dinqisiifate.

Gaachanaafi eeboo qabatee fardaan garmaamuun, mallattoo gootummaa Itoophiyaanotaa isa ajaa’ibsiiseera.

Asiifi achi fiigaa, “Zarraaf, zarraaf” jedhee fokkoreera, geerareera; daawwattoonni isaa ammoo bashannanaan hordofaa turaniiru.
Daawwannaa isaa keessatti Shamarree miidhagduu addunyaa Hasseet Darajjee waliin wal argee, waliin dubbateera.

Isheenis dorgommii idil addunyaa taasifame irratti sadarkaa lammaffaa qabachuu fi miidhagduu akka taate itti himteetti.

Akkasumas, Itoophiyaan bakka argama dhala namaa jalqabaa ta’uu ishee ibsuun innis gama kanaan lammii Itoophiyaa akka ta’e itti himteetti.

Ministirri Tuurizimii Itoophiyaa Saalaamaawit Kaasaa, Speed’f ibsa kennaniin, Itoophiyaan kaalaandara mataa ishee akka qabdu, lakkoofsa baraa Itophiyaan Speed yeroon duubatti godaanee yeroo ammaa waggaa 8tiin dargaggeessa akka ta’e kaasaniiru.

Akkasumas Itoophiyaan qabsoo birmadummaa Afrikaa fi falmii kolonii ittisuu keessatti shoora olaanaa taphatte, akkasumas mallattoo Paan-Afrikaanizimii ta’uu ishee ibsaniiru.

Speed dibbee guddicha, yeroo weerara Xaaliyaanii ittiin duultotaaf waamichi taasifame jedhamu rukutuun sagalee isaa dhaga’uudhaan dinqisiifateera.

Dabalataanis, Itoophiyaan waggoota torba keessatti biqiltuu biliyoona 48 dhaabuun milkaa’ina guddaa galmeessuu ishee yeroo itti himamu, Speed illee gama isaan biqiltuu dhaabuun ashaaraa isaa kaa’eera, misooma magariisaa Itoophiyaas ajaa’ibsiifateera.

Dargaggoota muka dheeraa yaabbatanii deeman waliin wal argee, akka isaanitti of fakkeessuuf yaalii taasiseera; of irra garagaluun ispoortii akka danda’us agarsiisaa tureera.

Sirboota aadaa sirbuuf yaaleera; barattoota waliin wal argee illee mari’ateera.

Bataskaana Goorgisii Birbirsa Goorootti argamu daawwatee, abbootii amantaatiin seenaan isaa bal’inaan ibsameeraaf.

Akkasumas “Speed Itoophiyaa” jedhamu waliin wal argee, innis akka isaa saffisaa fi beekamaa ta’uuf saffisaan caluu fi cimanii hojjachuun injifachuun akka danda’u itti himeera.

Speed Goda Hambaa Saayinsii Itoophiyaa daawwatee, tapha qillee Itoophiyaa taphachuun, waliinis sirba aadaa sirbeera.

Akkasumas diimina nyaachuun, harka babbareedanii irraa afaan ka’aa fudhachuun aadaa nyaataa Itoophiyaa qooddateera.

Magaalaan Finfinnee miidhagduu fi hawwattuu ta’uu ishee ifatti ibseera. Keessumaa miidhagni ishee halkanii fi galgalaa adda ta’uu ibseera.

Walumaagala, IShowSpeed maqaa gaarii Itoophiyaa fi Finfinnee addunyaatti sirriitti beeksiseera.

Finfinneen magaalaa guddoo ta’uu ishee, bakka daawwate hundumaa irraa gara hoteela isaatti deemuuf sa’aatii tokkoo fi walakkaa akka itti fudhate ibsuun guddina magaalattii agarsiiseera. Atileetota Maatii Dibaabaa waliinis Paarkii Tokkummaatti argameera.

Bakka deeme hundumaattuu dinqisiifattoonni isaa hordofaa turuu isaanii miidiyaa hawaasummaa isaa irratti mul’ateera.

Namni hordoftoota YouTube miliyoona 48 qabu kun, viidiyoon waa’ee Finfinnee qoodde qofa, sa’aatii 22 hin guutne keessatti hordoftoota miliyoona 9.8 ol biratti ilaalameera.

Daawwannaan IShowSpeed Finfinnee kun, bashannana qofa osoo hin taane, magaalaa Finfinnee akka magaalaa seenaa, aadaa, misooma fi abdii qabduutti addunyaatti agarsiiseera.

Addunyaa irratti hordoftoonni isaa miidhagina Finfinneefi Seenaa Itoophiyaa amanuuf hin dandeenye.Viidiyoo gaggabaaboo kukkutanii ajandaa ijoo godhataniiru.


Eenyummaa fi seenaa gabaabaa IShowSpeed

Maqaan isaa guutuun Daaran Waatkisan Jr. jedhama. Bara 2005 Ameerikaa, bulchiinsa Ohaayoo keessatti dhalatee guddate. Miidiyaa hawaasummaa irratti maqaa IShowSpeed jedhamuun beekama. Maqaan “Speed” jedhamu ariitii, sochii saffisaa fi humna qaamaa isaa irraa ka’e.

Beekamtii guddaa kana kan argate yeroo addunyaan dhibee Koronaatiin cufamteetti. Yeroo namoonni hedduun manatti kufanii abdii kutatan, inni immoo carraatti jijjiirrate. Mana taa’ee geemii taphachuu, tamsaasa kallattiin (live streaming) gochuu fi wantoota isa mudatan miira dhugaa, hin qophoofne (unscripted) ta’een qooduu eegale.

Jalqabbiin isaa salphaa hin turre; kanneen akka addaan kutu itti himan hedduun turan. Inni garuu wacaa isaanii gara kaka’umsaatti jijjiirrate. Sagalee isaa, qoosaa isaa, gahumsa ispoortii fi dandeettii uumamaa isaa walitti makuun qabiyyee dhaloota haaraa biratti jaallatamu uume.

Yeroo gabaabaa keessatti TikTok’n isaa guddate, YouTube isaa bal’ate, Instagram isaa ammoo daawwattoota hedduu hawwate.

Bara 2022, taphataa kubbaa miilaa addunyaa beekamaa Kiristaanoo Roonaaldoo akkaan dinqisiifachuu isaa ifatti ibseera; boodarras qaamaan wal arguudhaan yaadannoo guddaa uumeera.

Yuutuubara qofa osoo hin taane, raappara, ispoortessaa fi namoota dhiibbaa guddaa uuman (influencers) keessaa tokko ta’uun beekamtii fi badhaasa gara garaa argateera.

Hidda Latiinsa Afrikaa akka qabu kan dubbatu Speed, daawwannaa isaa tibbanaan Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa akka Zimbaabwee, Bootiswaanaa, Iswaatinii, Keeniyaa fi kanneen biroo daawwateera.

Walumaagalatti, daawwannaan IShowSpeed Finfinnee bashannana qofa osoo hin taane, seenaa, aadaa, misoomaa fi abdii Itoophiyaa fi Finfinneen qaban mul’isuu irra darbee kutaa cufamaa keessaa ka’uun, addunyaa guutuutti beekamuun,dargaggoota hedduuf fakkeenya ta’uun cimanii hojjannaan galma ga’uun akka danda’amu mul’iseera.

Malkaamuu abbabaatiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply