Milkaaʼina kabaja ayyaanota amantaa fi ummataaf caasaan nageenyaa cichoominaan hojjeta- Poolisii Finfinnee

You are currently viewing Milkaaʼina kabaja ayyaanota amantaa fi ummataaf caasaan nageenyaa cichoominaan hojjeta- Poolisii Finfinnee

AMN PLUS-Amajjii 6/2018

Ayyaanotni amantaa fi biyyaalessaa gurguddoon milkaa’inaan kabajamaa akka turanii fi kabajamaa jiran Komishinarri Qajeelcha Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee Geetuu Argaaw ibsan.

Kana milkeessuuf hooggansii fi miseensotni sadarkaa hundatti argaman qaamota dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan kan hojjatan ta’uu Komishinar Geetuun himaniiru.

Ittisa yakkaa, qorannoo yakkaa fi ijaarsa dandeettii irratti hojiiwwan buʼa qabeessa galmaaʼaniif gaheen hooggansaa olaanaa akka ta’es Komishinarichi ibsaniiru.

Gabaasni raawwii hojii Qajeelchichaa ji’oota jahaa bara bajataa 2018 dhiyaachuus ibsameera.

Gamaaggama kanaan rakkoolee mudatanii fi furmaata kennaman irratti bal’inaan mari’achuun kallattiin xiyyeeffannoo akka kennamus ibsuu isaanii odeeffannoo Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee AMN Dijitaal’f erge ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply