Pirojektootni misooma kooriidarii Magaalaa Finfinneetti ijaaraman ayyaana Cuuphaa bara kanaa haala miidhagaa fi hawwataa ta’een akka kabajamuuf gumaacha gudda qaba.
Kunis Magaalaa Finfinnee daran miidhagsuun magaalaa guddoo daawwattootaaf mijooftuu taate uumuuf gaheen qabu guddaa akka ta’e argaan ijaa ragaadha.
Kooriidaroonni gurguddoon kanneen akka BirbirsaGooroo, Daalattii, Caffee Aannanii, Qarsaa, Caffee Araaraatti hojjetamanii fi misoomni qarqara laggeenii karaa deemsa miilaa kan qabu, ifaa daandii ammayyaa, lafa magariisaan kan miidhageefi fi siidawwaan ijaarsa seenaa mul’isaniin miidhagee kan ijaarame hawwata guddaa uumeera.
Misoomni kunis Magaalaa Finfinnee keessatti iddoo bashannanaa hawaasa bal’aa keessummessuuf gumaacha gudda akka qabus ayyaanota aadaafi amantii kabajamee dabre irraan arguun danda’ameera.
Misoomni kooridarii hojjetame kunis ayyaana cuuphaa guutuu Itoophiyaatti kabajamu kan namootni kumatamaan lakkaa’aman irratti hirmaatan keessummeessuuf haala mijataa uumuu keessatti gahee guddaaqaba.
Kunis daandiin duraan dhiphaa turee sun amma bal’achuun sochii deemsaafi waldhiphisuu kan hambise farfannaa warren amantootafi sirba aadaa hirmaatotni taphataniifis haala mijataan akka uumamu ta’eera.
Keessattuu misoomni qarqara laggeen Magaalaa Finfinnee iddoo bal’aa miidhagee haala nama hawwatuun ijaarame kunis jiraattotaafi daawwattoota kabaja ayyaana Cuuphaa kana ilaaluuf dhufan keessummeessuuf haala mijataa uumeera.
Sagantaan misooma kooriidarii bu’uuraalee misoomaa Magaalaa Finfinnee qofa irratti kan xiyyeeffate osoo hin taane, seenaa magaalaa eeguudhaan magaalaa ammayyaa jireenyaaf mijattuu fi wiirtuu tuurizimii guddoo akka taatuuf hojjetamaa kan jirtuudha.
Yeroo ayyaana cuuphaa kanattis hojiileen misoomaa kunneen kan mul’ataniifi Magaalaan Finfinnees wiirtuu kuufama aadaa baay’ee akka taates kan ittin ibsamuudha.
Daandiiwwan Magaalaa keessaa kan duraanii caalaa sirriitti kan bal’atan, qulqullinnii cinaa isaanii, ibsaawwan halluu adda addaatiin miidhadganii akkasumas iddoowwan bal’aan dabree dabree qophaa’an ayyaana cuuphaa barana seena qabeessa kan taasisuufi Magaalaan Finfinnees wiirtuu hawwata tuuristootaafi magaalaa guddoo Afrikaa kuufama duudhaafi aadaa hedduu ta’uun akka beekamtu taasisuu keessatti gumaachi misooma kanneeni olaanaa akka ta’ees ibsameera.
Biraanuu Warqinaatiin