Qormaata Rubeen Amoorim darbuu dadhabe darbuuf dhufe- Kaarik

You are currently viewing Qormaata Rubeen Amoorim darbuu dadhabe darbuuf dhufe- Kaarik

AMN PLUS – Amajji 09/2018

Har’a sa’atii laaqanaa booda 9:30 tti addunyaan kubbaa miilaa tapha Maanchuriyaan darbiif beellama qabeera.

Kilabootni gurguddoo magaalaa Maanchistariifi Ingiliz lameen Yuunaayitidiifi Siitiin tapha jabaa kanaan beellamni qaban yeroo 198ffaadha.

Seenaa kaleessaa yaadatamuun Yuunaayitid Siitii irratti olaantummaa qaba.

Beellama kubbaa miilaan yeroo 197 wal-keessummeessuun Yuunaayitid 80, Siitiin 62, yeroo 55 ammoo qixa bahaniiru.

Amma dubbiin akka kaleessaa miti. Yuunaayitid tapha kubbaa miilaan baay’ee qoramaa jira.

Leenjisaan yeroo kilabichaa Maayikiil Kaarik osoo kana hunda gurraa qabanii kilabicha bayyanachiisuuf Ooldi Tiraafoordi seenaniiru.

Bakka leenjisaa dhiyeenya Yuunaayitid gaggeessee Rubeen Amoorim kan bu’an Maayikiil Kaarik qormaata leenjisaan duraanii qoramuun darbuu dadhaban darbuuf argamaniiru.

Ammoo Kaarik leenjisaa Siitii Peep Gaardiyollaa waliin morkatu.

Erga Peep magaalaa Maanchistar seenanii kilaba ayyaanni irraa ka’e qabatanii dogoggora ture sirreessuun baay’ee ulfaataas tahu Kaarik itti seenaniiru.

Dhugaa hin haalamne keessatti Yuunaayitid hangam gahumsa gadi aanaa qabaatullee kilaboota maqaa gaarii liigichaa qabaniif garuu rafee bulee hinbeeku.

Du’aan isaa du’aa Kanniisaati. Ciisee hidda jedhuudha.

Kaarik qormaata mana Maanchistar bubbule soroorsuuf argamaniiru.

Peep waancaaf morkachaa jirra jedhu. Gidduutti qabxiin 3 garamitti deemti laata?

Bakki beellama taphaa Istaadiyeemii Maanchistar Yuunaayitid Ooldi Tiraafoordi yoo tahu sa’atii 9:30 tti eegala.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply