‎Mootummaan, qonnaan bultoota gabaa naannoo wajjiin walitti hidhuun misooma baadiyyaa saffisiisaa jira- Waajjira Ministira Muummee

You are currently viewing ‎Mootummaan, qonnaan bultoota gabaa naannoo wajjiin walitti hidhuun misooma baadiyyaa saffisiisaa jira- Waajjira Ministira Muummee

‎AMN PLUS – Amajjii 22/2018

‎Mootummaan qonnaan bultoota biyyattii qe’ee isaanii fi sirna gabaa naannoolee wajjiin walitti hidhuun araddaa baadiyyaa fi tajaajiloota bu’uuraa babal’isuurratti hojjechaa akka jiru Waajjirri Ministira Muummee ibse.

‎Kunis guutuu biyyattii keessatti oomishaalee fi sochii gabaa akka fooyya’u taasisaa akka jirus ibsameera.

‎Hojiiwwan kunneen yeroo imalaafi baasii geejjibaa hir’isuun, qonnaan bultoonni oomisha isaanii kallattumaan akka gurguratan, galii isaanii akka guddisan taasisuu ibseera.

Tajaajiloota barbaachisoo akka fayyaa, barnootaa fi deeggarsa qonnaa akka argatan isaan dandeessisaa jiras jedhameera.

‎Walumaa galatti, walitti hidhamiinsi kun diinagdee naannoo cimsuu caalaa misoomni guutuu biyyattii keessatti akka walgahutti guddina hirmaachisaa babal’isuuf gumaacha guddaa akka qabu Waajjirri Ministira Muummee beeksiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply