AMN PLUS – Amajjii 23/2018
Finfinneetti manneen foonii 19 fi manneen gurgurtaa meeshaalee ijaarsaa 6 irratti oppireeshinii taasifameen namoota naga’ee malee gurgurtaa raawwatan 32 to’achuu biiroon gaaliwwanii magaalichaa beeksiseera.
Biirichi hojii kaffaltii gibiraafi haqa qabeessummaa sirna daldalaa mirkaneessuuf oppireeshinii taasiseen dhaabbilee daldalaa 25 keessatti naga’ee malee gurgurtaa osoo raawwatanii argamuun namoota 32 to’annnoo seeraa jala oolchuu ibseera.

Poolisii Finfinnee waliin tahuun hojii oppireeshinii gaggeessuu kan ibse biirichi namootni dhuunfaa to’annoo jala oolfaman faayidaa mootummaan argachuu malu dhabsiisuuf faallaa labsii bulchiinsa taaksii mootummaa yakka raawwachuun shakkamuun to’atamuun dhimmi isaan poolisiin qabamuun murteef kan dhiyaatan tahu jedheera.
Guyyoota itti aananis dameelee hojii biiroon oppireeshinii wal fakkaataa akka gaggeessu kan ibse biirichi, kana hubachuun hawaasni daldalaa bittaa naga’ee qofaan akka raawwatuufi hawaasnis lakkoofsa bilbila bilisaa 7075 fayyadamuun yakkoota akkasii irratti eeruu kennuu akka qabu odeeffannoo AMN’f ergeen waamicha dhiyeessera.