Misoomni kooriidariifi qarqara laggeenii Finfinnee bakka gahumsa tuuristii taasiseera – Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Misoomni kooriidariifi qarqara laggeenii Finfinnee bakka gahumsa tuuristii taasiseera – Kantiibaa Adaanech Abeebee

‎AMN PLUS- Amajjii 29/2018

‎Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee Yaa’ii Idilee 2ffaa Bara Hojii 5ffaa Mana Maree Magaalaa Finfinnee irratti argamuun raawwii karoora hojii ji’oota jahan darbanii dhiyeessaniiru.

Gabaasa isaaniin ‎hojiileen misooma kooriidarii fi qarqara laggeenii Finfinnee bakka gahumsa tuuristii taasisan hojjatamuu ibsaniiru.

‎Baatiiwwan jahan darbanitti misooma kooriidariin sararootni akka Kiiloo 4 hanga Shiroo Meedaa, Saawuz Geetii hanga Magganaanyaa-Addabaabaayii Masqalaa, Saarbeetii hanga Addabaabaayii Kaarli- Marfata Aabboo, Addabaabaayii Laaftoo- Furiitti hojjatamuu ibsaniiru.

Dabalataanis sararootni misooma kooriidarii CMC- Sammiit- Gooroo-Boolee VIP’tti hojjatamanii tajaajilaaf banaa ta’uu kaasaniiru.

‎Qarqarri laggeenii heektaara Kuma sadii, Kiiloomeetira 48 haguugu, baay’inaan 8 ta’e Paarkii Inxooxxoo irraa kahuun riqicha Piikookii hanga Kaarraa Maarraatti dheeratu dabalatee Qabbannaatii – Ginfillee akkasumas qarqara laga Qurxummiitti baay’ee miidhagaa qilleensi mijataa qaban bakka gahumsa tuuristii tahuun xumuramaa jiraachuu gabaasa isaaniin kaasaniiru.

‎Dabalataanis, Paarkii Araadaa, Wiirtuu Gabaa fi Bakka Tursiisa Konkolaataa Kiiloo 4 akkasumas Bakka Dhaabbii Konkolaataa fi Pilaazaan Dil xumuramanii tajaajilaaf qophii tahuu Kantiibaa Adaanech gabaasa Raawwii Baatii Jahaan dhiyeessaniiru.

‎Hojiiwwan misoomaa murteessoo tahan itti fufsiisuuf caasaa mootummaa gurmeessuun Abbaa Taayitaa Misooma Koriidariifi Misooma Qarqara laggeenii hundeessuun hojiitti galchuus gabaasa raawwii hojii baatiiwwan Jahan darban keessa ta’uu ibsaniiru.

‎Gama hojiiwwan misooma kooriidarii hojjataman wal-qunnamsiisuun hojii hojjatameen Uraa’elii-Atilaas-Boolee Biraas, Golaagol-Eedinaamool-Fireendishiippii fi Wuhaa Limaatii kallattii Atilaasii hamma Ruwaandaatti xumuramaa jiraachuu ibsaniiru.

‎Walumaa galatti, baatiiwwan Jahan darbe hojiiwwan idileen raawwatamaniin alatti daandiin aspaaltii Kiiloomeetira 17, daandiin lafoo kiiloomeetira 34 akkasumas bakki dhaabbii Konkolaataa 13 ijaarsi isaanii raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru.

‎Sadarkaa magaalaatti hojii bal’aa gama kooriidariifi misooma qarqara laggeeniin hojjatamu cinaatti sadarkaa Kutaalee magaalaatti Araadaa, Nifaas Silki Laaftoo, Lammii Kuraa fi Kolfee Qaraaniyootti hojiileen eegalaman akka jiran Kantiibaa Adaanech Abeebee gabaasa raawwii baatii jahan miseensota mana marichaaf dhiyeessaniiru.

Malkaamuu Abbabaati gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply