Ijaarsi mana jireenyaa barsiisotaa jalqabamuun xiyyeeffannoo olaanaa barsiisotaaf kenname akka agarsiisu ibsame

You are currently viewing Ijaarsi mana jireenyaa barsiisotaa jalqabamuun xiyyeeffannoo olaanaa barsiisotaaf kenname akka agarsiisu ibsame

AMN PLUS- Amajjii 28/2018

Ijaarsi manneen jireenyaa waliinii barsiisotaa ifatti jalqabamuun isaa gaaffilee bu’uuraa barsiisotni yeroo dheeraaf gaafataa turan kan deebise ta’uu isaa Waldaan Barsiisotaa Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Waldaan Barsiisotaa qulqullina barnootaa eegsisuuf hojiilee hojjetaa ture cinatti, faayidaan waldaa barsiisotaa akka kabajamuufi dirqama ogummaa isaanii sirnaan bahachuuf xiyyeeffannoo addaan hojjechaa akka turan Pirezidaantiin waldaa kanaa Obbo Dinqaalam Tolasaa turtii AMN waliin taasisanin himaniiru.

Haaluma kanaan gaaffilee faayidaa barsiisotaa bulchiinsa magaalaaf dhiyaachaa turan keessaa hedduun deebii argachuu isaanii kan ibsan Pirezidaantichi, akka fakkeenyaatti kaffaltii kiraa manaa fi tajaajilli geejjibaa akka fooyya’e kaasaniiru.

Barsiisotni hojii baruufi barsiisuu sirnaan akka raawwataniif, konkolaataawwan uummataa magaalaa Finfinnee fi Shaggaritti tajaajila geejjibaa bilisaan akka fayyadaman taasifamuu isaaniis himaniiru.

Dabalataanis, manneen bara 2009tti gatii xiqqaan barsiisotni keessa jiraachaa turan murtee bulchiinsi magaalaa bara 2014tti dabarseen barsiisotni maqaa isaanitti akka jijjiirratan taasifamuu Waldaan Barsiisotaa Finfinnee ibseera.

Bulchiinsi magaalaa barsiisotaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun lafa hektaara 40 beenyaa kaffaluun hanga ammaatti barsiisota osoo homaa hin kaffalchiisin ijaarsi mana jireenyaa isaanii akka jalqabame Obbo Dinqaalam dubbataniiru.

Ijaarsi jalqabame kunis danqaa tokko malee saffisaan akka xumuramuuf Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee abbootii lafaatiif beenyaa birrii biliyoonaa 24 ol akka kaffale ibsameera.

Humna kaffaluu barsiisotaa tilmaama keessa galchuun sirni qusannoo haaraa diriirfamuu kan himan pirezidaantichi, sirni qusannaa manaa 30/70 ture, barsiisotaaf gara 25/75tti akka fooyya’e eeraniiru.

Carraaqqiin kun hundi barsiisotni tasgabbaa’anii hojii barsiisuu isaanii akka raawwatan, akkasumas dhaloota egeree biyya dhaalanii fi lammiilee gaarii uumuuf karoorfamee hojii irra kan oole ta’uu Obbo Dinqaalam Tolosaa hubachiisaniiru.

Shuumii Badhaasootiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply