Yaalii saamichaa qabeenya uummataa tiraansfoormarii irratti taasiifame hordoffiifi tattaaffii cimaa humnoota nageenyaatiin fashalaa’eera

You are currently viewing Yaalii saamichaa qabeenya uummataa tiraansfoormarii irratti taasiifame hordoffiifi tattaaffii cimaa humnoota nageenyaatiin fashalaa’eera

AMN PLUS-Amajjii 30/2018

Finfinnee, Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti tiraansfoormarii ibsaa tajaajila uummataaf diriirfamaa jiru hordoffii cimaa fi tattaaffii guddaa humnoota nageenyaatiin taasifameen saamicharraa baraaramuu ibsameera.

Yaaliin saamichaa kun kan raawwatame Kutaa Magaalaa Aqaaqii Aanaa 13tti halkan naannoo sa’aatii 8:00 shakkamtootni haala qindaa’een konkolaataa fayyadamuun tiraansfoormara haaraa diriirfamaa jiru saamanii miliquuf osoo yaalanuu tattaaffii cimaa humnoota nageenyaatiin taasifameen konkolaataa gocha kanaaf shakkamtootni itti fayyadaman waliin to’annoo jala oolchuun tiraansfoormara baraaruun akka danda’ame ibsameera.

Shakkamtoota saamicha kana raawwataniis to’annoo seeraa jala oolchuuf hordoffii cimaan taasifamaa akka jirus eerameera.

Qabeenya uummataa kan misooma bu’uuraaf diriirfame saamuu fi miidhaa irraan ga’an namoonni dhuunfaa yookaan gareewwan kamiiyyuu, ija seeraa jalaa dhokachuu akka hin dandeenye, akkasumas humni nageenyaa hawaasa waliin ta’uun tarkaanfii seeraa barbaachisaa ta’e akka fudhatu himuu Odeeffannoon Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinnee irraa arganne ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply