AMN PLUS – Guraandhala 02/2018
Finfinneen hanguma hojiilee misoomaa garaagaraan miidhagde naannawaa manneen hojii mootummaas hawwataa taasisuu keessatti raawwiin hojii bu’a qabeessi jiraachuu Kantiibaan magaalatti Aadde Adaanech Abeebee ibsan.
Kantiibaa Adaanech gabaasa raawwii hojii ji’oota jahan darbanii tibbana Miseensota Mana Maree Magaalaa Finfinneef dhiyeessaniin hojjettootni hojii mootummaa magaalattii naannawaa hojii mijataa argachuun miira ofitti amanamummaa guutuun hawaasa tajaajiluu keessa isaanitti akka dagaagu taasisuu hubachiisaniiru.
Kanaanis manneen hojii mootummaa magaalatti keessatti bakki tursiisa daa’immanii 183, kaafteeriyaan hojjettoota hojii mootummaa tajaajiluuf oolu 100 akkasumas suuqiiwwan 166 tajaajila kennaa jiraachuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsuun isaanii ni yaadama.