AMN PLUS – Guraandhala 19/2018
Misoomni Koriidarii Magaalaa Finfinneetti hojjatame manneen amantaa bifa miidhagaa gonfachiisuu isaa amantootni ibsan.
Amantootni kunneen misoomni koriidarii manneen amantaa daran bahanii akka mul’atan taasisuu isaa AMN’tti himaniiru.
Misooma Koriidariin manneen amantaa caalmaatti ifanii mul’atan keessaa Masjiida Al-Aqsiwaa Caffee Araaraa bakka Afincoo Barri jedhamee waamamutti argamuu fi Bataskaana Boolee Madaanaalamii ta’uu hordoftootni ni dubbatu.
Sheek Abdallaa Hasan Hordoftoota Amantaa Islaamaa Keessaa Tokko Yoo Tahan Yaada Kennaniin Masjiidni Al-Aqsiwaa duraan kallattiiwwan afraniin kan kosiin biratti gatamaa ture ta’uu yaadachuun, amma garuu sababa misooma koriidariin bakkichi qulqulluufi hawwataa ta’uu ibsaniiru.
Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Keessaa Tokko Kan Tahan Obbo Xilaahun Waldee gama isaaniin naannoo Bataskaana Boolee Madaanaalamiitti duraan wantootni ijaaf ilaaluuf gaarii hin taanee fi foolii badaa qaban turuu isaanii yaadachiisuun, amma garuu ifaa fi hawwataa akkasumas miidhagaa ta’uu himaniiru.

Naannoon Boolee Madaanaalamiifi Masjiida Al-Aqsiwaa koriidarii misoomeen miidhaganii, hawwatummaan isaanii dabaluufi naannawaan qulqulluu uumamuufii hordoftootni kaasaniiru.
Bataskaanni Boolee Madaanaalamii keessumaa gara galgalaa ifaan faayamee miidhagee qalbii kan hawwatu ta’uu himaniru.
Naannawwaan Masjiida Al-Aqsiwaa ammoo misooma qarqara laggeenii hojjatameen caalmaatti miidhagee, qulqullaa’ee fi ifee akka mul’atu ta’eera kan himan ammoo Obbo Mahaammad Sayidiidha.
Obbo Sayifaa Mikaa’el gama isaaniin naannawwaan bataskaana Boolee Madaanaalamii duraan foolii badaaf saaxilamee ture amma qulqullaa’ee misooma koriidarii hojjatameen daandiin lafa deemtotaa bal’achuu isaan dallaa bastakaanichaa jala dhaabbachuun lallaba dhaggeeffachuuf haala mijataa kan uumeef ta’uu himaniiru.
Hajji Sayiid Kibrat gama isaaniin qarqarri laggeenii naannawaa Masjiida Al-Aqsiwaa jiru misoomuun bakka bashannanaa hojjatamee, bakka salaataa miidhagaa ta’uun isaa nattI toleera” jechuun ibsaniiru.
Amantootni kunneen naannawaan manneen amantaa isaanii miidhagaa, qulqulluu fi hawwataa ta’uu isaan hordoftootni akka gara mana amantichaa dhaquutti gammadaniifi yeroo dheeraa achumatti dabarsan haala mijataa uumuu dubbataniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e