Finfinnee Wiirtuu Gahumsa Turizimii Fayyaa Waadaa Gochaan Eegamu!

You are currently viewing Finfinnee Wiirtuu Gahumsa Turizimii Fayyaa Waadaa Gochaan Eegamu!

AMN PLUS – Guraandhala 16/2018

Biyyoota Addunyaa Wiirtuu Turizimii Fayyaa Hojiitti Hiikuun Bu’a Qabeessa Tahan Keessaa Taayilaandi Dorgomaa Hin Qabdu.

Turkiyyee, Hindiifi Gamtaan Emiraatota Arabaa Hawaasa Fayya Buleessa Hojjetee Jijjiiramu Horachuuf Carraaquun Wal-Qabatee Taayilaanditti Aanuun Biyyoota Addunyaa Wiirtuu Turizimii Fayyaa Hojiitti Hiikaa Jiran Keessatti Maqaan Isaanii Eerameera.

Biyyootni Wiirtuu Turizimii Fayyaa Tahuun Tajaajilaa Jiran Kunniin Kallattii Arfaniin Hawaasa Idil Addunyaa Tajaajila Fayyaa Fooyya’aa Argachuu Barbaadu Ofitti Waamu.

Hojiin Kun Addunyaa Qaroomte Waliin Waan Deemu Tahuun Gama Maraan Kenna Tajaajila Fayyaa Sadarkaa Isaa Eeggatte, Gatii Madaalawaan Argachuuf Filannoo Jalqabaa Taha Jira.

Dachee Argama Dhala Namaa Kan Taate Itoophiyaanis Hojii Moodela Tahe Kana Akkuma Biyyoota Biroo Qabatamaan Agarsiisuu Kan Barbaaddu Yoo Tahu, Magaalaan Guddoo Biyyattii Teessoon Gamtaa Afrikaafi Dippiloomatootaa Finfinneen Wiirtuu Turizimii Fayyaa Tahuuf Karooraan Hojjechaa Jirti.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Karoora Magaalattii Wiirtuu Turizimii Fayyaa Taasisuu Qabateen Dhaabbilee Tajaajila Fayyaa Sadarkaa Isaanii Eeggatan Ijaaruu Dabalatee Kanneen Duraan Turan Hojii Fooyyessuun Milkaa’aa Jira.

Kana Biratti Galteewwan Tajaajila Fayyaa Guutuu Keessattu Humni Namaa Gahoome Sektara Fayyaaf Baay’ee Murteessaa Tahuun Guutaa, Tajaajila Fayyaa Ammayyaa Addunyaa Har’aa Waliin Deemu Kennaa Jira.

Raawwiin Hojii Baatiin Jahan Darbanii Magaalaa Finfinnee Akka Agarsiisuutti Buufataaleen Fayyaa haaraa 9 ijaaramuun Tajaajilaaf Banaa Tahaniiru.

Buufataaleen Fayyaa Duraan Turan 13 Ammoo Ijaarsi Isaanii Fooyya’uun Akka Babal’atu Taasifamuun Har’a Tajaajila Yaala Fayyaa Sadarkaa Isaa Eeggate Kennaa Jiraachuun Ibsameera.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Ijaarsa Hospitaalootaa Sadarkaa Isaanii Eeggatanii Dabalatee Galteewwan Barbaachiisan Dhiyeessuun Ala Finfinneen Wiirtuu Turizimii Fayyaa Tahuu Hin Dandeessuun Amanu.

Kanas Waadaa Gochaan Agarsiisaa Kan Jiran Kantiibaa Adaanech Hospitaaloota Gurguddoo Dhugumatti Finfinnee Wiirtuu Turizimii Fayyaa Taasisuu Dhugoomsuuf Humna Qaban Kolfee Mandiidaa, Nifaas Silki Laaftoofi Galaanitti Ijaaramaa Jiraniif Hordoffiin Taasisaa Jiran Carraa Guddaa Magaalattiin Guddina Damee Fayyaaf Qabdu Keessaa Warreen Duraati.

Finfinnee Roga Maraan Misoomaa Jirtu Keessatti Karoora Bulchiinsa Magaalattiin Hojjetamaa Jiran Cinaatti Abbootiin Qabeenyaa Dhuunfaas Hirmaannaa Ijaarsa Piroojektootaa Irratti Shoorri Taphachaa Jiran Hojii Finfinnee Wiirtuu Turizimii Fayyaa Taasisuuf Hojjetamaa Jiru As Dhiyeessuuf Murteessuun Aadaan Hojii Magaalattii 24/7 Dhimmoota Finfinneef Bu’uura Kahan Tahuu Tilmaamamuun Nama Hin Rakkisu.

Iddoosaa Abdiitiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply