AMN PLUS- Guraandhala 19/2018
Addis Miidiyaa Neetwoork qabiyyeewwan fedhii dhalootaa guutan irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan AMN Obbo Kaasaahun Gonfaa himan.
AMN fi Pirodaakshiniin Jaankoo Siitkoomii Haaraa ‘Bubbee’ jedhu karaa Chaanaalii AMN PLUS tamsaasuuf waliigaltee mallatteessan.
Fedhii indastirii bashannanaa yeroo ammaa dabalaa dhufe guutuuf AMN aartii irratti xiyyeeffaachuun hojjechaa akka jiru Hoji Raawwachiisaa Olaanaan AMN Obbo Kaasaahun Gonfaa ibsaniiru.
“Chaanaalii dabalataa AMN PLUS erga hundeessinee booda dheebuu miidiyaa uummata keenyaa irraa jalaan deebisaa jirra” jedhan Obbo Kaasaahun.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee damee aartiif xiyyeeffannoo olaanaa kenneen manneen tiyaatiraafi addabaabaayiiwwan aartiin itti dhiyaatu babal’isaa jiraachuu kan eeran Obbo Kaasaahun, qabiyyee aartii oomishuun ammoo gahee artiistotaafi miidiyaati jedhan.
Aartiin uummata Oromoo baadiyyaarraa magaalaatti dhufuu qaba jedhaniiru Obbo Kaasaahun.
Waliigalteen hojii Pirodaakshinii Jaankoo waliin taasisuun fedhii daawwattootaa kan guutu, dheebuu dargaggootaa kan deebisu waan ta’eef qabiyyee magaalummaa calaqqisiisu daawwattoota biraan gahuuf carraa guddaa ta’uullee ibsan.
Hundeessaan Pirodaakshinii Jaankoo Waaqkennaa Geetaachoo gama isaan AMN miidiyaa jijjiirama Finfinnee qixa tarkaanfataa jiru waan ta’eef waliin hojjechuutti gammadoo ta’uu hime.
Pirodaakshiniin Jaankoo siitkoomii koomeedii haaraa ‘Bubbee’ jedhuun AMN PLUS irratti yeroo dhufu qabiyyee fi qulqullina irratti xiyyeeffannoo addaa kennee hojjeta jedheera.
Tagany Bafiqaaduutu gabaase