AMN PLUS – Guraandhala 21/2018
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee,Leenjitoota Giddu Gala Leenjiifi Gabbisa Ogummaa Dubartootaa ‘Lenagewaa’ ogummaa garaagaraan leenji’an 909 marsaa 4ffaaf eebbisaniiru.
Kantiibaa Adaanech leenjitoota wayita eebbisan haasawaa taasisaniin, giddu galicha baajata mootummaan deeggaruun cinatti of-danda’ee akka dhaabbatuuf, hojiiwwan garaagaraa hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Bu’uuruma kanaan bakka kunuunsaafi horsiisa Lukkuu ijaaraa jiraachuu,warshaa huccuun itti oomishamuufi kan biroon ijaaamaa jiraachuus Kantiibaa Adaanech eeraniiru.
Eebbifamtootaanis leenjii giddu galichatti argattaniin, carraa bulchiinsi magaalichaa mijeessetti dhimma bahuun, osoo abdii hin kutin hojjettanii of jijjiiruun warra kaaniif fakkeenya tahuu qabdu jedhaniiru.

Giddu galli Leenjiifi Gabbisa Ogummaa Dubartootaa ‘Lenagewaa’ Dubartoota rakkoo garaagaraaf saaxilamaa turan, akkasuma miidhaan koorniyaa irra gahaa ture, simachuun leenjii haaromsaafi Ogummaan gahoomsuun Diinagdeen akka of danda’aniif xiyyeeffannoo olaanaadhaan hojjechaa tureera ammas hojjechaa jira.
Dubartootni Har’a marsaa 4ffaaf eebbifaman kunneenin, Leenjii gosa garaagaraa jechuunis, Huccuu Hodhuu, Nyaata Qopheessuu, Kunuunsa Daa’immanii akkasumas Elektirikii Diriirsuu, Kunuunsaafi Horsiisa Lukkuu dabalatee gosoota 17’n leenji’aa turaniiru.
Giddu galichi bara 2016 irraa eegaluun hanga har’aatti, Dubartoota rakkoo garaagaraaf saaxilamaa turan,akkasuma miidhaan koorniyaa irra gahaa ture, 2401 simachuun leenjii haaromsaa fi ogummaan leenjiseera.
Dubartootni giddu galichatti leenji’uun bahan carraan hojii uumamuufin amma hojii irratti argamu jedhameera.
Dhumarrattis Kantiibaa Adaanech giddu galichaaf qaamolee deeggarsa garaagaraa taasisaa jiran galateeffataniiru.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.