AMN PLUS – Guraandhala 23/2018
Gootota Atileetiksii Dachee Oromiyaa Godina Arsii Naannawaa Magaalaa Asallaa Qe’ee Galaana Atileetootaatti Bara 1962 Dhalatte Komaandar Atileet Geexee Urgee.
Akkuma Nama Kamii Maatii Ishee Waan Dandeessu Hundaan Harka Qabaa Guddachuu Atileettiin Yeroo Garaagaraatti Dhugoomteetti.
Bultii Keessa Aduu Tokko Atileet Faaxumaa Roobaa Waliin Gara Finfinnee Dhufuun Miseensa Mana Amala Sirreessaa Federaalaa Tahuun Leenjii Bu’uuraa Fudhattee Kennaan Qabdu Gara Dirree Atileetiksiitti Qajeelchuun Achumaan Carraa Dorgommiiwwan Biyya Keessaa, Ardii Afrikaafi Addunyaa Argachuun Seenaan Komaandar Atileet Geexee Urgee Asii Eegale.

● Komaandar Atileet Geexee Urgee Dorgommii Idil Addunyaan Eessaa Garamitti:
Komaandar Atileet Geexee Urgee Bara 1970 Keessaa Hanga 1990 Keessaa
Badhaasota Meedaaliyaafi Waancaa Sadarkaa Garaagaraatti Kenmamu Dabalatee Maqaa Biyyaa Waamsisteetti.
Shaampiyoonaan Atileetiksii Dargaggoota Idil Addunyaa Bara 1982 Kanaadaatti Adeemsifame Bakka Itti Of-Ilaalte Tahuu Ibsiteetti.
Dorgommii Shaampiyonaa Atileetiksii Afriikaa Irratti Bara 1992 Hirmaachuun Fiigicha Meetira 1,500’n Meedaaliyaa Meetii Argachuu Dandeessetti.
Shaampiyoonaa Atileetiksii Anaabaatti Bara 1988 Adeemsifameen Meedaaliyaa Meetii kan argatte Yommuu Ta’u, Fageenya Walfakkaataa Fiigicha Meetira 1500’n a!Ammas Waggaa 5 Booda Bara 1993tti Dorgommii Shaampiyonaa Darbaanitti Adeemsifameen Medaaliyaa Meetii Argachuu Dandeessetti.
Dorgommiin Shaampiyonaa Idil Addunyaa Kun Atileet Mirutsi Yifxar Bara 1992’tti Meedaaliyaa Meetii Biyya Isaaf Fageenya Meetira 3000’n Erga Meetii Argamsiisee Booda Maqaa Atileet Geexee Urgeen Kan Argame Isa Jalqabaa Ta’uu Seenaan Gootittii Ni Mul’isa.
Dorgommii Shaampiyoonaa Guutuu Afriikaa Bara 1991 Kaayirootti Adeemsifameenis Atileet Geexeen Badhaasa Ittiin Beekamtu Meedaaliyaa meetii Fageenya Meetira 1500’n Argatteetti
Ammas Bara 1999 Badhaasa Meedaaliyaa Meetii Fiigicha Meetira 5000’n Shaampiyonaa Atileetiksii Addunyaa Irratti Biyya Isheef Argamsiisteetti.
Baroota 1990, 92, 94, 96 fi 2000’tti Waggaa Lama Lamaan Dorgommii Atileetiksii Idil Addunyaa Irratti Hirmaachuun Meedaaliyaa Argamsiisuun Gareewwan 6 Waldaa Federeeshinii Atileetiksii Addunyaan Beekamtii Argatan Keessaa Atileet Geexee Urgee Ishee Tokko Tahuu Seenaan Durduubee Ishee Dhugoomeera.
Dorgommiiwwan Fageenya Gabaabaa Meetira 1500 Hanga Walakkaa Maaraatooniitti Meedaaliyaafi Badhaasota Garaagaraa Argachuu Dabalatee Sa’aatii Fooyya’aa Dhuunfaashee Galmeessisuu Komaandar Atileet Geexeen Maqaa Qabdi.
● Atileetiin Addunyaarra Naannoftee Faajjii Biyyaa Mirmirsite Akkamiin Gandattis Manattis Deebite?

Jireenya Qananii Keessaa Bahuun Haga Waan Nyaatamu Dhabutti, Jireenya Gadadoon Dabarsuuf Dirqamteetti.
Sababni Kun Hundi Dhibee Kaansariin Qabamuu Isheeti. Qabeenya Ishee Hunda Gurgurtee Yaalamtus Fayyuu Hin Dandeenye.
Komaandar Atileet Geexee Urgee Urjiin Addunyaa Duraanii Manatti Deebi’uun Guyyaa Eeggachuun Ala Kana Sana Waan Jettu Hin Qabdu Ture. Ijoollee Ishee 4 Waliin Mana Firaatti Baqachuuf Dirqamte.
● Guyyaa Keessa Guyyaan Jira. Komaandar Atileet Geexee Urgee Bulchiinsa Magaalaa Finfineen Mil’atamte. Maaltu Ta’eef?
Dafqi Biyyaaf Cobe, Miilli Biyyaaf Waltajjii Idil Addunyaa Irratti Kaatee Injifannoon Galuun Biyya Boonse Oolmaa Isaaf Gatii Argachuu Qaban Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Harka Deeggarsaa Diriirseef Jechuudha.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen yaadatamtee, Imimmaan Sun Qooree, Mataan Gadi Jedhe Lubbuun Gaddite Gammachuutti Ceete.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Atileetoota Oolmaa Biyyaaf Oolaniin Yaadamuu Qabuun Deeggarsa Akka Argatan Murteessee Hojitti Hiike Keessaa Komaandar Atileet Geexee Urgee Isgee Tokkodha.
Kanaanis Komaandar Atileet Geexee Urgeef Birrii miiliyoona 10, Mana Jireenya Abbaa Ciisa 3 Meeshaa Mana Keessaa Guutuu Waliiin Akkasumas Rakkoo Fayyaa Atileetitti Mudatee Irraa Akka Fayyituuf Deeggarsa Taasisuun Yaalchisuuf Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee, Qooda fudhattoota Waliin Ta’uun Waan Danda’u Hunda Kan Taasisu Ta’uu Kantiibaa Adaanech Hubachiisaniiru.
Malkaamuu Abbabaatu Qindeesse