Hoteela Dee Liyoopool Balfa Dhangala’aa Gara Lagaatti Gadi Lakkise Irratti Tarkaanfiin Bulchiinsaa Fudhatamuun Ibsame

You are currently viewing Hoteela Dee Liyoopool Balfa Dhangala’aa Gara Lagaatti Gadi Lakkise Irratti Tarkaanfiin Bulchiinsaa Fudhatamuun Ibsame

AMN PLUS-Bitootessa 2/2018

Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Hoteela Dee Liyoopool balfa dhangala’aa mana boolii irra deddeebiin gara lagaafi qarqara lagaatti gadi lakkisuun faalama naannoo fiduun rakkina uumuu isaan tarkaanfii bulchiinsaa irratti fudhachu ibseera.

Gochaan kun kan raawwatame Kutaa Magaalaa Qirqoos Aanaa 1 iddoo addaa naannawwaa Baambis jedhamutti yoo ta’u, hoteelichi kanaan dura balfa dhangala’aa mana boolii gara lagaatti gadi lakkisuun birrii kuma 300 adabamuun isaa ni yaadatama.

Hoteelichi irra deebiin yeroo 2ffaaf gocha wal-fakkaataa raawwachuun adabbii dachaatiin birrii kuma 600 adabamuus irraa of-qusachuu hin dandeenye.

Ammas yeroo 3ffaaf balfa dhangala’aa mana boolii qarqara lagaafi lagatti waan gadi lakkiseef akkasumas adabbii duraa irraa of sirreessuu dhabuu isaatiin miidhaan dabalataa akka hin uumamneef Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii kutaaleen mana fincaanii hotelichaa akka saamsaman taasiseera.

Gaara fuulduraatti hoteelichi seeran gaafatamuun miidhaa guddaa dhaqqabsiseef bu’uura seeraatiin tarkaanfiin irratti kan irratti fudhatamu ta’uun ibsameera.

Baasii guddaa bulchiinsa magaalaatiin kan ijaarame misooma lagaafi qarqara lagaa xureessuun kaayyoo isaaf akka hin oolle namoota dhuunfaa fi dhaabbilee taasisan irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhachuun cimee akka itti fufuu Abbaan Taayichaa ifoomseera.

Abbaan Taayitichaa kanaan dura waa’ee qulqullina naannoo ilaalchisee hubannoo kennaa akka ture yaadachiisuun, jiraattotnifi dhaabbileen gochaa badii faalama naannoo dhaqqabsiisuu irraa akka of qusatanis akeekkachiiseera.

Hawaasni cabinsa dambii kamiyyuu yoo arge lakkoofsa bilbilaa bilisaa 9995 irratti bilbiluun eeruu akka kennan waamichi dhiyeessuu odeeffannoon Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee AMN’f erge ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply