AMN PLUS – Bitootessa 06/2018
Maarkiifi Maaksi Ingilizoota osoo hin gahiin gahan yeroo isaaniitti mi’eessitu tapha kubbaa miilaa dhugaa lakkoofsotni ragaa bahan galmeessaniiru.
Seenaa kubbaa miilaa Addunyaa dhugaa bu’uureffate, yaadaan hawaasa ispoortii Idil Addunyaa waggoota 24 gara boodaatti deebisu tahe argameera.
Seenaan kun Wayiinii Maarki Rooniifi Maaksi Doowmaan lammiilee Ingiliz wal bira dhaaba.
Bara 2002 umriin waggaa 16 tahee kilaba Meersisaayid Evartan keessaa kan argame Maarki Rooniin yerootti hawaasa ispoortii pirimeerliigii Ingilaandi daawwatu tolchee itti of-beeksise ture.
Guyyaa sana jechuunis bara 2002 keessa tapha Evartan vs Arseenaal irratti mucaan xiqqaan umriin isaa waggaa 17 hin guutin daqiiqaa gara dhumaa galchii miidhagduu Arseenaal irratti lakkoofsisuun raajii kan gonfate, achumaan ija kilaba Maanchistar Yuunaayitid kan seene Wayinii Maarki Rooniidha.
Rooniin yeroo sana galchii lakkoofsisuun Addunyaa kubbaa miilaan wal baruu qofa osoo hin taane, umriin xiqqaa tahu, galchiin lakkaa’amte baay’ee miidhagduufi fageenyaa tahuu, imala Arseenaal taphoota 30 osoo hin injifatamiin itti fufe addaan kutuus of-keessa qabaachuu seenaan kubbaa miilaa walitti qabee gudunfee ka’eera.

Haata’uuti seenaan sana fakkaatuufi dubbicha fooyyesse ammas tapha Arseenaal vs Evartan irratti waggoota 24 booda irra deebiin uumameera.
Maaksi Doowmaan guddattoota lafaa dhufoo bu’aa akkaadaamii Arseenaal Keessaa yoo tahu reefuu umrii ganna 16 fi guyyoota 73’n waggoota 24 booda waan Rooniin hojjete kan fakkaatu hojjechuun raajeffatamaa jira.
Maaksi Doowmaan jijjiiramee gara dirree seenuun daqiiqaa xiqqoo taphateen seenaa yoo tole bara eeggatee fooyya’u dalageera.
Doowmaan kubbaa Viktoor Yokoreesh galchiitti jijjiireef kahumsa tahuun ashaaraa keessaa qabaachuu dabalatee daqiiqaa dhumaatti galchiin lakkoofsise isaaf seenaa pirimeerliigii Ingilaandi keessatti taphataa umrii xiqqaa galchii lakkoofsise tahu, Arseenaalota hedduu Addunyaarra jiran ammoo afuura tasgabbii kan argachiise tahuun galmee seenaa qabateera.
Waggoota 24 eeggatee seenaa wal dhugeen kan dalagan lammiilee Ingiliz Wayinii Maarki Rooniifi Maaksi Doowmaan yoo tahan umriin isaan waggaa 16 keessa tahuu dabalatee kilabootni seenaa walfakkaataa deebisan hawaasa ispoortii Idil Addunyaa dhandhamsiisan ammoo Arseenaaliifi Evartoon tahuun gaaffiifi raajii qaba yoo jedhame salphata.
Iddoosaa Abdiitiin