AMN PLUS- Bitootessa 4/2018
Bilbila harkaa keessan fayyadamuun moosaajii ‘Mircaayee’ jedhuun odeeffannoowwan filannoo irratti hirmaachuuf isin dandeessisu wayita guuttan lakkoofsa addaa kaardii filattummaa isiniif ergamuu jechuun galmeen keessan xumurame jechuu miti.
Mirga filachuu keessanitti dhimma bahuuf, erga lakkoofsa addaa kaardii filannoo argattanii boodallee adeemsa Filannoo Waliigalaa Marsaa 7ffaa irratti hirmaachuuf isin dandeessisu galmee filannoo dijitaalaa xumuruun isin irraa eegama.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa akka biyyaatti sirna diimookiraasii ijaaruuf tattaaffii taasisaa jiruun Filannoon Waliigalaa marsaa 7ffaa haqa qabeessa, amanamaafi si’ataa akka ta’uuf teeknoloojiiwwan ammayyaa hojiirra oolchaa jira.
Boordichi adeemsa filannoo ammayyeessuuf tarkaanfii fudhateen galmeen filattootaa filmaata dijitaalaan adeemsifamaa jira.
Isinis moosaajii boordichi hojii irra oolche “Mircaayee” (Filannoo Koo) ‘App store’ yookaan ‘Play store’ irraa buusuun bakkuma jirtanitti gama dijitaalaan galmee raawwachuu dandeessisu.
Ta’us, wayita galmee raawwattanitti lakkoofsi filattummaa addaa isinif ergame jechuun galmee keessan xumurtan jechuu waan hin taaneef, ‘Filannoo Waliigalaa Marsaa 7ffaaf galmaa’aa’ furtuu jedhu tuquun adeemsa galmee eegaltan itti fufuu qabdu.
Itti aansuudhaanis Buufata Filannoo Sagalee keessan itti kennitan filachuun akkasumas adeemsota filannoo biroo taasisuun filachuudhaaf galmaa’uu keessan mirkaneeffachuun isin irraa eegama.
Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e