AMN PLUS – Bitootessa 4/2018
Paartileen siyaasaa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa Caamsaa 24 bara 2018 adeemsifamuuf akka magaalaa Finfinneetti dorgoman imaammata misooma magaalaa ilaalchisee AMN irratti falmii yaadaa taasisaniiru.
Paartileen siyaasaa falmii kana irratti hirmaatan Paartii Badhaadhinaa, Tumsa Tokkummaa Itoophiyaa (CEU), Paartii Dimookraatawaa Uummata Walloo (WPDP)fi Paartii Dhaloota Haaraa (NGP) akka ta’an ibsameera.
Wal-falmii yaadaa taasisaniin paartileen kunniin imaammata misooma magaalaa irratti xiyyeeffachuun tokko isa biroof gaaffii dhiyeessuun yaadaafi karoora gara fuulduraaf qaban ibsaniiru.
Gara fuuldurattis Magaalota jijjiirama baadiyyaa wajjiin walqabsiisuudhaan wiirtuuwwan hojii, turizimii, indaastiriifi kalaqaa taasisuuf hojjetama akka jirus ibsaniiru.
Waltajjiin paartileen siyaasa garaagaraa hordofan itti wal-falmii yaadaa taasisan kun gama biroon uummataan wal-baruu, tooftaalee sagalee uummataa irraa injifachuuf isaan dandeessisu kan itti ibsatan tahees argameera.
AMN waltajjii itti paartileen siyaasa garaagaraa fuulaa fuulatti walitti dhufuun wal falmii yaadaa itti taasisaniin qopheessuun uummataaf ifa taasisuus kan itti fufu akka ta’e ibsameera.
Shuumii Badhaasootiin qindaa’e