AMN PLUS – Bitootessa 04/2018
Giddu galootni gurtgurtaa oomisha qonnaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneen ijaaraman qaala’iinsa jireenyaa tasgabeessuuf gahee isaanii ba’achaa jiraachuu ibsameera.
Giddu galootni kunneen oomishaalee qonnaa qulqullina qaban gatii madaalawaan dhiyeessaa jiraachuun himameera.
Keessattuu Kutaa Magaalaa Lammii Kuraafi Aqaaqii Qaallittiitti giddu galootni argaman yeroo hojii jalqaban irraa eegalee qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuu keessatti gahee irraa eegamu ba’achaa jiraachuun ibsameera.
Giddu galootni kunneen xaafii dabalatee, oomishaalee bu’uuraa akka timaatimaa, qullubbii, dinnichaafi kaarootii akkasumas kuduraafi fuduraan bal’inaan gabaaaf dhiyeessaa jiraachuun eerameera.

AMN giddu galoota kanneenitti argamuun namoota oomishaalee qonnaa garaa garaa bitan haasofsiisuun, garaagarummaan gatii guddaa ta’e giddu galoota kanaafi gabaa xixiqqaa idilee gidduutti akka jiru hubateera.
Shamattootni kunneen, “oomishaaleen gabaa idileetti birrii 70 hanga 80’tti gurguraman, giddu galoota kanneen keessatti birrii 40 hanga 60tti gatii madaalawaan dhiyaachaa jiru” jedhaniiru.
Tasgabbiin gatii kun oomisha xaafii irratti illee ifatti mul’achaa jiraachuu shamattootni kunneen ibsaniiru.
Warshaa daakuu dhuunfaafi iddoowwan gabaa garaagaraatti xaafii kiiloon tokko hanga birrii 145’tti kan gurguramu ta’uu kaasuun, giddu galoota kanneen keessatti akka sadarkaa qulqullina isaatti birrii 113 hanga 115’tti shamattootaaf dhiyaachaa jiraachuu himaniiru.

Shamattootni, “kunis xaafii kiiloo tokko irratti qofa garaagarummaa birrii 20 hanga 30’n akka argannu taasiseera” jedhaniiru.
Bu’aan kun kan argame oomishni sun kallattiidhaan qonnaan bultoota oomishtootaa irraa gara shamattootaatti akka dhiyaatu taasifamuu isaatiin, kunis gabaa keessatti yoo xiqqaate hir’ina gatii % 15 akka uumamu taasisuu ibsaniiru.
Hoji-Gaggeessaan Giddu Gala Gurgurtaa Oomisha Qonnaa Lammii Kuraa Obbo Gannanaa Faxxanaa, “gatii madaalawaa ta’uu isaa qofaan osoo hin taane qindeessitootni giddu galoota kanaa qulqullinaafi haaraa ta’uu oomishaalee guyyaa guyyaan sirriitti hordofu” jedhaniiru.
Kunis hawaasni oomisha qulqullina qabuufi fayyumaa namaaf gaarii ta’e akka argatuuf gumaacha guddaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin