AMN PLUS- Bitootessa 07/2018
Pirezidaantiin Raashiyaa Viilaadmiir Puutiin lammiilee Naannoo Kibba Itoophiyaa Godina Gaamoo keessatti sababa sigiga lafaan lubbuun isaanii darbeef gadda isaanitti dhaga’ame ibsaniiru.

Pirezidaantichi gadda isaanii kana ergaa Pirezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee fi Ministira Muummee Abiyyi Ahimadiif dabarsaniin ibsaniiru.
Pirezidaanti Viilaadmiir Puutiin ibsa isaaniin, maatiifi firoottan lammiilee balaa sigiga lafaan lubbuun isaanii darbeef jajjabina hawwaniiru.