Finfinneen aadaa keessummaa simachuu calaqqisiistuun sanada wal amantaa barreeffama malee qabdi – Rogeessa Miidiyaa Kaameroon

You are currently viewing Finfinneen aadaa keessummaa simachuu calaqqisiistuun sanada wal amantaa barreeffama malee qabdi – Rogeessa Miidiyaa Kaameroon

AMN PLUS – Bitootessa 07/2018

Rogeessi Miidiyaa Kaameroon Ateem Haaris Finfinneen har’as, boris mul’istuu miidhagina, nageenyaafi ammayyummaa Afrikaati jechuun waan ijaan arge bu’uureffachuun magaalattiin soora qalbii ilmoo namaa tahuu miira gammachuu argateen ibseera.

Magaalaa guddoo Itoophiyaafi fakkeenya guddina afrikaa taate Finfinneen misooma si’ataafi ajaa’ibsiisaa waggoota muraasaa as galmeessisaa jirtuun sadarkaa Idil Addnuyaatti akkuma qalbii lammiilee hedduu hawwattetti itti fuftee jirti.

Finfinneen wiirtuu dippiloomaasii Afrikaafi Idil Addunyaa ta’uu ishee hojiilee misoomaa ammayyummaan guutameen faayuun maqaa “Handhuura Afrikaa” jedhu illee, giddu galeessa turistootaafi yaa’iiwwan Idil Addunyaa ta’uun mirkaneessaa jirti.

Turistootni biyyoota garaagaraa Finfinnee daawwatan, magaalattiin qulqullinni ishee kan eegame, daandiiwwan bal’ina qabaniifi ammayyaa’oo ta’an akkasumas gamoowwan ogummaa ijaarsaan miidhagan ta’uu ibsaa turaniiru.

Lammiilee biyya alaa miidhaginaafi simboo hawwataa magaalaa Finfinnee kanneen hojiiwwan misoomaa garaagaraan faayee hordoftoota isaanii biraan ga’an keessaa tokko rogeessa miidiyaa hawaasaa beekamaa biyya Kaameroon Ateem Haarisiidha.

Haaris guyyoota Finfinneetti dabarsee Yaadannoo Injifannoo Adawaa, Galma Gamtaa Afrikaafi daandiiwwan magaalattii daawwateera.

Keessumaa wayita Paarkii Obbolummaa daawwatetti jijjiirama arge hedduu dinqisiifachuun “Kun Miidhagina Dhugaa Itoophiyaati” jechuun miira isaa hordoftoota isaaf qoodera.

Bakkeewwan kanaan dura balfi garaagaraa itti gatama turan yeroo ammaa gara bakkeewwan bashannanaa miidhagina qabaniitti jijjiiramuun turistoota kan ajaa’ibsiise yoo ta’u, agarsiisotni bishaaniifi ibsaawwan garaagaraa galgala banaa taasifaman magaalattiin simboo dabalataa akka qabaattu taasisuu eeraniiru.

Nageenyi mirkanaa’aa Finfinneefi aadaan keessummaa simachuu addaa jiraattota magaalattii sanada wal amantaa barreeffama malee ta’uun daawwattoota hawwachuu itti fufeera.

Finfinneen wal qoqqooddaa tokko malee nama hundummaa wal qixxummaan kan keessummeessituufi qalbii hundumaa kan hawwattu ta’uu hubachuus rogeessi miidiyaa hawaasaa kun miira isaa qoodera.

Piroojektootni Meeggaa kanneen akka Paarkii Tokkummaa imala misoomaafi badhaadhinaa akkasumas ashaaraa magariisaa Itoophiyaa hojiiwwan akka fakkeenyaatti agarsiisan ta’uu ibsuun Finfinneen har’as, boris, mul’istuu miidhagina, nageenyaafi ammayyummaa Afrikaati jechuun Ateem Haaris waan taajjabeefi argee bu’uureffachuun ibseera.

Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply