Affaar seenaafi uumamaan naannoo sirriitti badhaadhedha – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Affaar seenaafi uumamaan naannoo sirriitti badhaadhedha – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS – Bitootessa 14/2018

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) daawwannaa hojii Naannoo Affaaritti taaisaniin Affaar seenaafi uumamaan kan badhaate akka taate ibsan.

Loojii Nii’iinii Lee Paalmi qaama sagantaa maaddiin dhalootaaf jedhu naannoo Affaaritti hojjetamaa jiru kan daawwatan Dooktar piroojektichi naannichatti miidhagina addaatiin misoomaa jiraachuu himaniiru.

Piroojektiin kun bishaan ho’aa lafaa jalaa burquun kan misoome lafa diriiraa Affaarirratti miidhaginaan akka nama hawwatutti kan magre ta’uu isaas dubbataniiru.

Naannoo kanaatti laftii diriiran, gaarreen, mukkeen fi gosti margaa biqilu baroota dheeraaf akka turellee himaniiru.

Paarkiin misooma paalmi kun iddoo daawwannaaf akka toluuf sagantaa pirojektii maaddii dhalootaaf jedhuun kan misoome keessaa tokko ta’uus fageenya muraasa irratti kan argaman paarkiiwwan Awaashiifi Asaboot akka argamanis ibsaniiru.

Paarkiiwwan kanneen daawwachuuf finfinnee irraa konkolaataan imaala sa’aatii lamaa qofa imaluun daawwachuun danda’amuus bu’uuraaleen misooma daandiiwwanii akka rakkisu Dooktar Abiyyi himaniiru.

Rakkoon daandii kunis waggaa tokko booda ni furama kan jedhan Dooktar Abiyyi, daandiin saffisaa Adaamaa haga Awaashitti hojjetamu yoo xumurame rakkoo geejjibaa akka furu ibsaniiru.

Dabalataniis daandiin Baaburaas waan jiruuf akkasumas buufatni xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuutti hojjetamaa jirus tajaajila geejjibaa gara naannoo Affaaritti imaluun iddoowwan hawwatoo ta’an daawwachuu akka danda’anif haala mijataa kan uuman ta’uus dubbataniiru.

Paarkiiwwan kanneeniifi bineensota keessatti argaman kana Affar dhufanii daawwachuun fedhii namoota baay’ee akka ta’es ibsaniiru.

Haa ta’u malee paarkiiwwan kanneen keessatti iddoowwan namni keessa boqotuu kan hin hojjetamin waan ta’eef keessummootni dhufan iddoo keessa turan yoo hin jiraatiin rakkoo akka ta’es kaasaniiru.

Gara fulduurattis rakkoo kana furuuf mootummaan karoora isaatiin iddoowwan gahumsa turizimii babal’isaa jirun akka misoomsuuf karoora qabaachuu Dooktar Abiyyi hubachiisaniiru.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply