Addunyaan keessa jiraannu tajaajila geejjibaa akkamii babal’isaa jirti? AMN Dijitaal qaaccessa qaba!

You are currently viewing Addunyaan keessa jiraannu tajaajila geejjibaa akkamii babal’isaa jirti? AMN Dijitaal qaaccessa qaba!

AMN PLUS- Bitootessa 14/2018

Biyyoota Addunyaa kanaa keessaa tokko kan taate Chaayinaan bakka hedduutti itti fayyadama teeknoloojiin dursaa jiraachuu qorannooleen garaagaraa akeekaniiru.

Qorannoon ‘International Energy Agency’ as dhiyoo bara faranjootaa 2024 keessa Chaayinaa irratti fuulleffachuun adeemsifame akka agarsiisuutti biyyattiin irra caalaa konkolaattota humna elektirikaan hojjetanitti fayyadamti.

Qorannichi konkolaattota anniisaa elektirikaan hojjetan Chaayinaan fayyadamtu bira gahuuf haala geejjibaa bara 2021 keessa ture bu’uureffachuun ibsameera.

Yeroo rakkoon boba’aa addunyaa raasu kanatti biyyoonni hedduun dursanii filmaata anniisaa biroo fayyadaman furmaata argataniiru.

Kanaanis Chaayinaan bara faranjoota 2021 keessa konkolaattota anniisaa elektirikaan hojjetan Miliyoona 417 seeraan galmeessite keessaa Miliyoonni 319 konkolaattota tajaajila geejjiba uummataaf oolan tahuu adda baasuun ifoomsera.

Kanneen keessaa konkolaattotni lakkoofsaan Miliyoonni 13.6 addatti kanneen Addunyaa har’aa waliin wal simuun hojjetaman gaazii uumamaan warreen socho’an tahuun ibsameera.

Akka qorannoon Chaayinaa irratti fuulleffachuun bara 2021 keessa bahe agarsiisuutti konkolaattotni miiliyoona 10.6 Chaayinaa keessa socho’an anniisaa elektirikaa warreen fayyadaman yoo tahuun kunis biyyattiin 81.6% damee geejjibaa ishee gara tajaajila teeknoloojii elektirikaan bakka buusuutti jijjiiruu agarsiisa jedhameera.

Chaayinaan ofirra darbitee konkolaattota anniisaa elektirikaan hojjetan Miliyoonaan lakkaa’aman gabaa Addunyaaf dhiyeessu erga eegalte bubbuluu kan ibse qorannichi bara 2022 keessa konkolaattota Miliyoona 4.4, bara 2023 keessa ammoo Miliyoona 9.46 gabaa alaaf dhiyeessuu hubachiiseera.

Gabaa Addunyaaf dhiyeessu qofa osoo hin taane bara 2024 baatii Amajjii keessa konkolaattota anniisaa elektirikaan hojjetan lakkoofsaan Miliyoona 20 tajaajila geejjiba biyya keessaa itti dhimma bahaa turu ibsuun kunis Addunyaarraa sektarichaan fuuldura akka ishee fidu ibsameera.

Damee geejjibaa konkolaattota anniisaa elektirikaan hojjetan Addunyaan babal’isaa jirtu Chaayinaatti aantee Addunyaarraa hojiitti hiikaa kan jirtu Noorweey tahuu kan ibse qorannoon dhimma konkolaattota anniisaa elektirikaan tajaajilan irratti xiyyeeffate biyyattiin bara faranjootaa 2023 keessa Ardii Awurooppaan alatti biyyoota Addunyaaf konkolaattota humna elektirikaan tajaajilaan 80% dhiyeessuu ibseera.

Chaayinaan itti fayyadama geejjibaa humna elektirikaan hojjetu hojitti hiikuun fuuldura dhufuu qofa osoo hin taane meeshaalee konkolaattotni kunniin ittin chaarjeffaman galteewwan sanaaf barbaachisaan dhiyeessuunis dinagdee ishee guddifachaa jiraachuu qorannoon kun ibseera.

Ameerikaanis gama isheen hanga Chaayinaas tahuu baattu babal’ina sektara geejjibaa anniisaa elektirikaan tajaajilan keessatti dhiyeenya as qooda qabaachuu qorannooleen garaagaraa ibsaniiru.

Dhimmi kun gara Ardii Afrikaatti yoo dhufu akka ragaan barruun ‘Great Africa’ dabalatee warreen biroon qindaa’e agarsiisutti Itoophiyaa, Gaanaa, Naayijeeriyaa, Afrikaa Kibbaafi Keeniyaan tajaajila geejjibaa anniisaa elektirikaan hojjetu hojiitti hiikuun fuuldura jiraachuu hubachiiseera.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply