AMN PLUS – Bitootessa 17/2018
Moggaasa maqaa DDG jedhamuun kan beekamu raappeeriifi yuutubeerri akka Idil Addunyaatti maqaa qabu Gurraachi Ameerikaa Dariil Diweeyin Giraanber Yaadannoo Injifannoo Adawaa daawwateera.
Daawwannaa taasiseen hambaalee seenaafi Injifannoo Adawaa calaqqisiisan daawwachuun aadaa Itoophiyaanotni keessummaa ittiin simachuun beekaman buna Itoophiyaas dhandhamuun ibsameera.

Raappeerichi Yaadannoo Injifannoo Adawaa dabalatee Finfinnee bakkeewwan garaagaraa daawwachuunis ibsameera.
DDG akka ALA’tti bara 2014 Yuutuubiin beekamtii argachuun bara 2018 keessa gara indaastirii muuziqaa Addunyaatti makamuun ibsameera.
Raappeeriin kun toora miidiyaa hawaasaan tamsaasa kallattii, haala bu’aa ba’ii jireenyaa, iccitiiwwan waltajjiilee gurguddoo duuba jiraniifi qabiyyeewwan biroo qopheessuun beekamtii horateen Yuutuubiin hordoftoota Miliyoona 4.3 akkasuma Tiiktokiin ammoo hordoftoota Miliyoona 7.2 kan horate nama beekamaa Addunyaa kanaati.