Waldaan Dargaggoota Finfinnee adeemsa galmee filannoo irratti hirmaannaa guddaa taasisaa jiraachuun ibsame

You are currently viewing Waldaan Dargaggoota Finfinnee adeemsa galmee filannoo irratti hirmaannaa guddaa taasisaa jiraachuun ibsame

AMN PLUS – Bitootessa 21/2018

Waldaan Dargaggoota Finfinnee faayidaa waliigalaa dargaggootaa mirkaneessuufi ijaarsa sirna dimokraasii biyyaalessaa keessatti gahee isaanii akka ba’atan waamicha taasifameen, dargaggoonni magaalaa Finfinnee keessa jiran adeemsa galmee filannoo irratti kaka’umsa olaanaafi hirmaannaa guddaa agarsiisaa akka jiran ibsameera.

Waldaan Dargaggoota Finfinnee erga hundeeffamee waggoota 18 kan lakkoofsisee yoo ta’u, dargaggoota dinagdeen, hawaasummaafi siyaasaan guddisuuf hojiiwwan garaagaraa hojjechaa akka ture ifoomeera.

Yeroo ammaa kanas waldaan kun xiyyeeffannoo guddaa kennuun, dargaggoonni hirmaannaa olaanaa adeemsa galmee filannoo keessatti taasisaa akka jiranis ibsameera.

Kaka’umsa qindaa’aa waldaan taasiseen dargaggoonni baay’een adeemsa galmee filannoo irratti hirmaachaa jiraachuu Pireezidaantii Itti Aanaan Waldaa kanaa Dargaggoo Takasti Ayyaalewu himaniiru.

Hirmaannaan kunis dargaggoonni ijaarsa sirna dimokraasii biyyaalessaa keessatti kutannoo qaban kan agarsiisu ta’uu isaas eeraniiru.

Yeroo ammaa akka Finfinneetti dargaggoonni kuma 11 ol ta’an ijaarsa nageenyaafi adeemsa filannoo irratti dammaqinaan hirmaachaa akka jiran ibsameera.

Dargaggoonni kunneenis naannoo buufataalee filannoo adda addaa keessatti argamuun, adeemsi galmee nagaadhaan akka xumuramu gargaarsa taasisuu, hawaasni galmee irratti hirmaannaa dammaqiinsa qabu akka taasisaan akeekuu, odeeffannoon filannoo lammiilee bira akka ga’uufis gargaarsa akka taasisan ibsaniiru.

Waldaan kun hirmaannaa dargaggootaa caalmaatti cimsuuf akkasumas adeemsi filannoo milkaa’inaa akka ta’uuf tattaaffii jalqabe cimsee kan itti fufu ta’uus ibsameera.

Gabaasni kan Barakat Geetaachooti

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply