AMN Fulbaana 17, 2016:- Jiraattoota magaalaa Finfinneef kennaa bara haaraa dabalataa akka taâuuf giddu gala nyaataa âTasfaa Birhaanâ 20ffaan eebbifamuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen himan.
Kabajamoo Muummee Ministiraa keenya maqaa fayyadamtootaatiin onneerraa galateeffachuun barbaada jedhan.
“Harâa tajaajila kan eegalchiisne giddu galli nyaataa kuni kutaa magaalaa gullallee naannawwaa Qacanee Madaaniâaalam jedhamuun waamamutti kan ijaarame dha” jedhaniiru.
Jiraattoota humna hin qabne 500 ol taâaniif guyyaatti al-tokko nyaata madaalawaa dhiyeessuufii kan dandaâu ta’uus eeran.
Walumaa galatti giddu galaawwan nyaataa 20ân magaalaa Finfinneetti argaman irraa jiraattoonni magaalattii kuma 35 ol taâan itti tajaajilamaa jirus jedhaniiru.

“Mulaâata keenya qooddachuun giddu gala nyaataa âtasfaa birhaanâ 20ffaa baasii birrii miiliyoona 47 tiin kan nuuf ijaaran abbaa qabeenyaa âTokkummaa Istaar Biizinas Giruupâ kan taâan obbo Tokkummaa Fiixee akkasumas fayyadamtoota itti fufiinsaan nyaachisuuf giddu galicha kan nurraa fuudhan hundeessaan Faawundeeshinii Bizuâaayyahu Taaddalaa obbo Bizuâaayyahu Taaddalaa maqaa fayyadamtootaan onneerraa galateeffachuun barbaada” jedhaniiru.