Obbo Ahimad Shideen Pirezidaantii Baankii Misooma Afrikaa haaraa waliin mari’atan

You are currently viewing Obbo Ahimad Shideen Pirezidaantii Baankii Misooma Afrikaa haaraa waliin mari’atan

AMN Plus- Onkoloolessa 09/2018

Pirezidaantii haaraan Giruuppii Baankii Misoomaa Afrikaa Dooktar Siidii Taahi baankichi ajandaa jijjiiramaa Itoophiyaa ni deeggara jedhan

Yaa’ii waggaa Baankii Addunyaafi Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa cinaatti Ministirri Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen pirezidaantii Baankii Misoomaa Afrikaa Dooktar Siidii Taahi waliin mari’ataniiru.

Maricharratti obbo Ahimad Shiideen fooyya’iinsa diinagdee gooroo fi invastimatiif haala mijataa uumuu dabalatee hojiilee riifoormii Itoophiyaa biroo irratti ibsa kennaniiru.

Ijaarsa buufata xiyyaaraa guddicha Bishooftuu irrattis kan mari’atan yoo ta’u, Baankiin Misoomaa Afrikaa deeggarsa maallaqaa kennuun gahee olaanaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru.

Pirezidaantii baankichaa ta’uun filatamuu isaaniif baga gammaddan jechuun, hoggansa isaanii irraa amantaa guutuu qabaachuus dubbataniiru.

Pirezidaantiin baankichaa Itoophiyaa akka daawwataniifis affeeraniiru.

Dooktar Siidii Taahi gama isaaniin, raawwii fooyya’iinsa diinagdee gooroo fi ajandaawwan riifoormii Itoophiyaa dinqisiifataniiru.

Baankichi ajandaa jijjiiramaa biyyattii maallaqaan akka deeggaruu, qonnaafi bu’uuraalee misoomaa irratti invast akka godhu akkasumas walitti hidhamiinsa geejjiba qilleensarraa cimsuun sosochii walitti hidhamiinsa naannawichaaf deeggarsa taasisuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply