AMN PLUS-Onkoloolessa 24/ 2018
Sirnakkoo mijataa tuurizimii fi kunuunsa bineensota bosonaaf oolu fayyadamuuf hojjatamaa jiraachuu Deetaan Ministira Tuurizimii Obbo Silashii Girmaa ibsaniiru.
Itoophiyaan bakka argama sanyii namaa fi bunaa akkasumas qaroomina durii akkasumas aadaa fi hambaalee hedduu ta’uu ibsaniiru.
Teessuma lafaatiin Itoophiyaan tuurizimii fi kunuunsa bineensota bosonaatiif mijattuu ta’uu hubachiisuun, sirnaan itti fayyadamuufis hojiiwwan adda addaa hojjetamaa akka jiran beeksisaniiru
Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuuwwan biliyoonaan lakkaa’aman dhaabaman, heddummina lubbu qabeeyyii fi kunuunsa bineensota bosonaatiif gumaacha olaanaa taasisaa akka jiran himaniiru.

Ogeessi Olaanaa Sagantaa Bineensota Bosonaa Idil-addunyaa Haannaa Feerbaak sagantichi biyyoota 30 ol hojiilee kunuunsa bineensota bosonaa wajjin wal qabatan hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Bineensotni bosonaa sababa balaa nam-tolchee fi uumamaan akka hin badnee fi akka hin godaanneef eegumsii fi kunuunsi daran cimuu akka qabu dhaamaniiru.
Baankii Addunyaatti Itti gaafatamtuun damee Oppireeshinii Itoophiyaa, Sudaan,Sudaan Kibbaa fi Eertiraa Juuliyaanaa Viiktoor በiyyoonni qabeenya bineensota bosonaa isaanii irraa bu’aa guddaa argachuuf eegumsa cimsuu akka qabanis dhaamaniiru.
Yaa’iin Idilee Sagantaa Bineensota Bosonaa Addunyaa har’arraa eegalee guyyoota shaniif adeemsifamaa jiraachuu TOI’n gabaaseera.