AMN Plus- Onkololeessa 25, 2018
TPLF qocholaafi yakkoota waraanatti seenuuf dirqisiisoo ta’an raawwachaa jira jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waaranaa FDRI Fiild Maarshaal Biraanuu Juullaan.
Guyyaan Haleellaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja kaabaarratti raawwatame waggaa 5ffaa yaadatame irratti waliigaltee Piriitooriyaa fi sana boodas gochaalee TPLF raawwataa jiru ilaalchisee yaada kennaniiru.

TPLF qocholaa fi yakkoota waraanatti seenuuf dirqisiisoo ta’an raawwachaa jira jedhaniiru.
Garichi gochaalre farra heera mootummaafi farra waliigaltee Piriitooriyaa ta’an raawwachaa jiraachuu kaasan.
Hidhattoota leenjisuu, Daangaa Itoophiyaa sarbuun Eertiraa waliin hariiroo ummachaa akka jirus dubbataniiru.
Hidhattoota DDRn bittinaa’e walitti qabuun baajata sababa malee mancaasaa jiraachuus ibsaniiru.
Hidhattoota naannoo Amaaraaf meeshaalee waraanaa dhiyeessuun gochaa farra heera mootummaa ta’e raawwachaa akka jirus ibsaniiru.
Garichi yakkootaa fi miidhaalee kana hunda qaqqabsiisaa akka jiru ni beekna, garuu gara waraanaatti kan hin seenne miidhaan caaluu akka hin qaqqabneefi jechuun hubachiisan.
Wayita waraanni eegale TPLF holqatti baqata, kan miidhamu ummata akka ta’u waan beeknuuf waraanarraa of qusanne jedhaniiru.