AMN PLUS- Onkoloolessa27/2018
Hirmaannan invastimantii abbootii qabeenyaa Chaayinaa Zooonii diinagdee addaafi paarkii Indaastirii keessatti qaban guddachaa akka jiru Komporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii beeksise.
Hojii Raawwichiisaa olaanaan korporeeshinichaa, Fisahaa Yittaagasuu (PhD) abbootii qabeenyaa Chaayinaa damee aluminiyeemii irratti invast gochuu barbaadan waliin mari’ataniiru.
Marii kanarrattis korporeeshinichi deeggarsa barbaachisaa ta’e akka kennu ibsameera.
Hogganaan Kominikeeshinii Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii, Obbo Paawuloos Ballaxaa akka himanitti, Zoonii diinagdee addaa Korporeeshiniin bulchu 13 fi ICT Paarkii dabalatee paarkiiwwan indaastirii sadii keessatti abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaa 200 ol hirmaatanii akka argaman ibsaniiru.
Abbootii qabeenyaa biyya alaa kanneen keessaa % 38 Chaayinaa yoo ta’an, irra caalaa damee huccuu irratti kan bobba’an ta’uun isaanii ibsameera.
Invastarootni kunneen hirmaannaa invastimantii isaaniitiin alatti dameelee adda addaa irratti bobba’uuf fedhii qabanis ibsameera.
Invastaroota biyya alaa zoonii dinagdee fi paarkiiwwan keessatti bobba’an keessaa Siriilaankaa, Jaappaan, Ameerikaa, Faransaay fi Rippabilikni Kooriyaa akka jiranis akeekaniiru.
Korporeeshinichi invastimantii biyya alaa daran hawwachuuf hojjechaa akka jiru ibsameera. TOI gabaase