Kurmaana 1ffaa Bara Baajataa 2018tti lammiilee biyya alaatii deebi’an Kuma 6 ol ta’aniif deggersi taasifamee gara maatii isaaniitti deebisuun akka danda’ame Deetaan Ministira Dubartootaafi Dhimma Hawaasummaa Huuriyaa Alii ibsaniiru.
Tarsiimoo Komunikeeshinii qopheessuun daddabarsa seeraan alaa namootaa irrattis hubannoon kennamaa akka jiru dubbataniiru.
Namoota hojii daddabarsa seeraan alaa irratti hojjatan seeratti dhiyeessuuf hojjatamaa akka jirus kaasaniiru.
Lammiilee Kuma 6 caalan biyyatti deebisuun maatii isaaniitti akka makaman hojiin hojjatame dippiloomaasii lammiilee namummaa irratti xiyyeeffateen kan hojjatme akka ta’e ibsaniiru.
Lammiileen karaa seera qabeessaan akka hojiif biyya alaa deeman mijeessuu irrattis walta’insaan hojjatamaa jiraachuu eeraniiru.
Biyya keessattis carraa hojii mijeessuun lammiileen fayyadamoo ta’uun jireenya isaanii fooyyeffataniif gaheen hawaasaa olaanaa ta’uu ibsuu isaanii TOI’tu gabaase.