Shakkamtootni tajaajila geejjibaa waan kennan fakkeessuun bilbila mobaayilii hatan 7 to’ataman

You are currently viewing Shakkamtootni tajaajila geejjibaa waan kennan fakkeessuun bilbila mobaayilii hatan 7 to’ataman

AMN PLUS- Sadaasa 4/2018

Qajeelchi Muummee Poolisii Magaalaa Finfinnee shakkamtoota tajaajila geejjibaa waan kennan fakkeessuun bilbila mobaayilii hatuun “shuwaa shuwaa” taasisuun miliquuf Yaalan 7 to’achuun qorachaa akka jiru beeksise.

Shakkamtootni kunneen yakka kana kan raawwatan Kutaa Magaalaa Aqaaqii, Aanaa 9, bakka Koyyee Qiliinxoo jedhamutti akka ta’e poolisiin ibseera.

Konkolaataa Minibaasii lakkoofsi gabatee isaa eerame keessatti miidhamaa dhuunfaaf waan tajaajila taaksii kennan fakkeessuun erga bilbila isaa hatanii booda, “Tiraafikiin nu adaba, gaabbiinaa seeni” jechuun erga inni bu’ee booda dhiisanii deemuu poolisiitti himeera.

Dhiirota 5 fi dubartootni 2 yakka kanaan shakkaman hordoffii poolisiin taasiseen bilbiloota 9 harkaafi harkatti qabuu beeksiseera.

Miidhamaan dhuunfaa shakkamtoota kanneen himates waan jiruuf, bilbilli isaa akka deebi’u taasisuun qorannoo itti fufuu poolisiin beeksiseera.

Hawaasni yakki akkasii akka irrattin raawwatamneef dursee akka of eeggannoo isaa cimsu yaadachiisuun, wanta shakkisiisaa yoo arge ammoo qaama nageenyaatti eeruu akka kennu, Qajeelchi Muummee Poolisii Magaalaa Finfinnee odeeffannoo AMN’f ergeen dhaameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply