Waldaalee taaksii dabaree qabsiiisan kaffaltii seeraan ala harkaan sassaaban irratti tarkaanfiin akka fudhatamu himame

You are currently viewing Waldaalee taaksii dabaree qabsiiisan kaffaltii seeraan ala harkaan sassaaban irratti tarkaanfiin akka fudhatamu himame

AMN PLUS – Sadaasa 5/2018

Waldaaleen Iddoo Dhaabbii Konkolaataafi Qabsiisa dabaree tajaajila guddina Magaalichaa waliin walsimuu fi teeknooloojiin deeggaramu kennuun akka irraa eegamu Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee beeksise.

Namootaa fi waldaalee iddoo dhaabbii konkolaataa kaffaltii tajaajilaa kamuu seeraan ala harkaan sassaaban irratti tarkaanfiin akka fudhatamu Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee beeksise.

Biirichi hoggantoota waldaalee dhaabbii konkolaataa fi Dabaree qabsiisuu waliin akkaataa iddoo Dhaabbii Konkolaataafi haala kaffaltii karaa seera qabeessaafi tajaajila mijataa ta’e kennuun ittiin danda’amurratti mari’ateera.

Marii kana irratti Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Obbo Fissahaa Xibabuu, Namootaa fi waldaalee dhaabbii konkolaataa kaffaltii tajaajilaa kamuu seeraan ala harkaan sassaaban irratti tarkaanfiin akka fudhatamu ibsaniiru.

Fayyadamtoota tajaajila geejjibaa irraa yeroo halkaniitti gatii taarifaa darbaa kaffalchiisuun ammallee rakkoo cimaa waan ta’eef, rakkoo kana furuuf Waldaaleen tajaajila iddoo Dhaabbii Konkolaataafi Qabsiisa dabaree itti gaafatamummaa guddaa akka qaban hubachiisaniiru.

Tarminaalonni fi bakki Dhaabbii konkolaataa mijataa, qulqulluu fi nageenyummaan isaa amansiisaa ta’e magaalattiitti babal’ataa jiraachuus himan.

Hirmaattonni marii kanaas kaffaltiin tajaajilaa konkolaachistoonni kaffalan birriin 10 gadi aanaa waan ta’eef fooyya’iinsi taasifamuu akka qabaatu gaafachuun, kaffaltii tajaajilaa konkolaattotaa kaffalamuuf, sirna kaffaltii karaa dijitaalaan walitti qabuu keessatti qaawwi ogummaa akka jiruufi kana furuuf waliin hojjechuun qabna jedhaniiru.

Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Yakka tarminaalotaa fi bakka Dhaabbii konkolaataatti raawwatamu maysuuf waliin hojjechuun murteessaa tahuu ibseera.

Mahaammad Toofiqitu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply